WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina lixa Shaggar ona Abuunaa Gindabarat keessatti diina adabuu beeksise.
ONM-ABO Muddee 3, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Giddu gala Oromiyaa kaabaa fi kaaba lixa Shaggar keessa dheengadda Muddee 1, 2022 Cibraan Risaa Laga Mogor, Cibraa Meettaa Bargaa fi Cibraan Jaarsoo Waloo waliin ta’uun aanaa Abuunaa Gindabarat bakkoota sadiitti lola waraana bilxiginnaa irratti geggeessaniin injifannoon boonsaan galmaa’eera.
Lola qindaa’a cibraan sadan waraana faashistii Abiy Ahimed irratti taasiseen bakka addaa #Baddeessaa jedhamutti 32 ajjeesee 40 ol madoo dandammii hin qabneen adabee qawwee AKM 8 irraa hiikuun waraana bilxiginnaa 2 booji’ee jira.
Kana malees magaalaa Biiteetti cabsuun mooraa diinaa buqqisee ajajaa 100, tikoota bilxiginnaa aanichaa dabalater loltoota PP 40 ol ajjeesuun 25 ol madeessee jira.
Qindoomina cibraan sadeeniin lola taasifameen inni 3fan humna diinaa wal guuree nama 400n mana barumsaa Quncee buufatee jiru itti cabsuun 90 ol ajjeesuun 125 madoo dandammii hin qabneen adabuun laficha keessaas buqqiseera.
Injifannoon uummata Oromoof!

