Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Warraaqsi Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa duraa hanga yunbersiitii jiranitti dho’e jabaatee itti fufe

Warraaqsi Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa duraa hanga yunbersiitii jiranitti dho’e jabaatee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 6, 2022 Warraaqsi Mirga Abbaa Biyyummaa fi Balaaleffannaa fixiinsa sanyii Humnaata Shororkeessaa Faannoo, mootummaa Bilxiginnaan deggeramuuf motummaa Nafxanyaa PP tiin Oromoo mudataa jiru irratti barattoota Oromoo sadarkaa garaa garaan erga kaleessaa ilaa ammaatti kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti akkuma itti fufetti jira.

Hawwaasni Oromoo ballaanis Ilmaan Isaa, barattoota manneen barnootaa sadatkaa duraa hanga yunbersiitii jiran kanaan warraaqsa dho’etti makamee filmii maa’essaa kan biyya Oromoo Walaba, Oromoo bilisaa fi Mootummaa birmaduu Oromoo fi Oromiyaa WBO waliin ijaarratu kan ijibbaata akka geggeessu shakkiin hin jiru.

Guutuu gabaasa Warraaqsa barattoota Oromoo, manneen barnootaa sadarkaa garaa garaatiin kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti geggeeffamaa jiruu fi kallattii warraaqsi kun itti deemuu fi cuunfaa yaada yeroo hanga tokko booda qabannee dhi’aanna.
Warraaqsa hawwaasaa fi Qabsoo Hidhannoo ABO-WBO geggeessaa jiruun yeroo dhumaaf Oromiyaan kiyyoo kolonii Impaayera Ixoobiyaa jalaa nii furamti !

Oromiyaan Biyya !
Injifannoon Uummata Oromoof

Exit mobile version