Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Oromiyaa keessatti Manneen Barnootaa mancaasaa iddoo biraatti ijaaruun daba jechuun qeeqame

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Baasii mootummaa naannoo Oromiyaatiin Manni barnootaa sadarkaa lammaffaa Ifa Borii naannoo Tigraay magaalaa Shiree keessatti ijaaramaa ture ijaarsi isaa xumuramee waggaa kanatti tajaajila eegaluuf qopheeffamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa turan.

Manni barnootichaa barattoota kuma lamaa ol simachuu danda’a jedhamee yaadama. Mana barumsaa kanatti mootummaan naannoo Oromiyaa qarshii 179,000,000 (miiliiyoonii dhibba tokkoof miiliiyoonii torbaatamii sagal) ta’u itti baasuutu himameera. 

Yeroo manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessaa waraana isaaniin mancaasaa  jiranitti maallaqa hangas ga’u qisaasessuun Tigraay keessatti ijaarsa akkanaa ijaaruun inumaa diinummaa saba Oromoof qaban agarsiisa kanneen jedhan namooti hedduun yaada kana mormaniiru. 

Qarshii guddaan maqaa ijaarsa mana barumsaa kanaan Oromiyaa irraa cituun bu’aa siyaasaaf oolu kun yeroo itti  haalli hawaasni Oromoo keessatti dagatamee jiru gaddisiisaa ta’ee jirutti.

Akkuma bara kanaatti duulli ilmaan Oromoo barnootaan ala gochuu jabaatee jiraachuun bara kanas naannicha barattoota qormaata seensa yuuniversitiif teessise keessa muraasa qofa dabarsuun kufaatii hedduu galmeessiseera.

Murni Itiyoophiyaan bulcha ofiin jedhu suuta suuta barnoota keessaa Oromoo baasaa akka jiru qeeqa garaagaraan kan ifu bara kana akka Oromiyaatti barattootni hedduun gara barumsa olaanootti darbuu osoo hin milkaa’in hafuun dhiibbaa tokko kan jedhan ogeeyyootni barnootaa, kanaafis Bilxiginnaan barnoota irra waraana irratti xiyyeeffate jechuun ibsu.

Murni Bilxiginnaa waggoota lamaaf Tigraay irraa barnoota kutuu fi manneen barnootaa lafoo fi xiyyaaraan haleeluun barattootas gabatee barnootaa irraa hambisee irbaata rasaasaa taasisaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version