ONM-ABO Waxabajjii 14, 2025
Koloneel Abiy Ahimed erga gara aangoo impaayerattiitti dhufee adeemsa baruu fi barsiisuu gufachiisuun manneen barnootaa tajaajila waraanaa isaa godhachuu, barsiisota qaroo dhalootaa ta’an gaaffii seeraa tokko malee ajjeesuu, hidhuu, hojii irraa ari’uu fi miindaa dhorkachuun beelaaf saaxilee xiin-sammuu tuquu, barattoota bor baratanii ogummaa isaaniin hawaasa tajaajiluu danda’anii fi borii Oromiyaatiif abdachiisoo ta’an fedhii isaanii malee qabee dirree waraanaatti erguu fi manneen barnootaa jijjiganii tajaajila dhaaban ijaaruu dhabuu irraa kan ka’e barsiisotas ta’e barattoota akka isaan barnoota irraa abdii muratan taasiseera.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Raasaa Harruqqeetti manni barumsaa Utaalteetti argamu erga jijjigee tajaajila dhaabee waggaa lamaa ol kan lakkoofsise yoo ta’u, jiraattotni ganda Raasaa Harruqqee irra deddeebiin qaama dhimmi kun ilaallatutti akka manni barumsaa kun ijaaramuuf iyyachaa turanis qaamni isaan dhaggeeffate kan hin jirre ta’uu fi gandichatti barattootni barnoota barachuuf fedhii qaban iddoo itti baratan dhabanii rakkachaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Jiraattotni gandichaa dabaluun akka dubbatanitti, wayita nuti waa’ee manneen barnootaa nuuf ijaaramuu akka qabu itti dubbannu caasaaleen Bilxiginnaa ammoo gaaffii keenya ukkaamsanii waan wal hin ilaallanne, isin deggartoota WBO’ti hanga WBO balaaleffattanii fi nu waliin loltanii naannoo kana keessaa baaftanitti nagaa hin argattan, yeroo naannoo kana keessaa isaaniin wal taanee balleessinee nagaa argattan isiniif ijaarra jechuun, gaaffii uummataa kanatti qoosaa akka turan ifoomsaniiru.

