ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Barattootni Oromoo qabsoo fincila diddaa gabrummaa geggeeffamaa jiru keessatti shoora ol’aanaa kan ba’ataa turan yoo ta’u, murni bilxiginnaa ammoo kana hubachuun taayitaa kiyyaaf har’as ta’ee bor yaaddoodha jedhee amanuun muddama hamaa keessa galee barattootni Oromoo yeroo barnoota barachuu qabanitti akka hin baranneef sammuu isaanii doomsuuf manneen barnootaa irraa sababoota ga’aa hin taane itti tarreessuun irraa hambisa.
Barattoota barnoota irraa hambisanis dirqii fi goyyomsaan qabanii leenjii waraanaatti guuruu, manneen barnootaa buufata waraana isaanii taasifachuu fi osoo barsiisonni barsiisuuf, barattootnis barachuuf fedhii qaban doorsisa irraan ga’uun carraa barsiisuu fi barachuu dhorkachuun ilmaan Oromoo goolama jireenyaa keessa akka seenan taasisee jira.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti Kibxata darbe Fulbaana 24 fi 25, 2024 itti gaafatamaan mana barumsaa Giraa Gaadoos dabballee PP kan ta’e namni maqaan isaa Mahaammad Hasan jedhamuu fi itti aanaan isaa Malkaamuu jedhamu barattoota kutaa 12’ffaa baratan sababoota hin taane maqaa huccuu aadaa uffattan, sabboonummaa calaqqisiistanii fi rifeensa dheeressaa jirtu jedhuun sobaan yakkanii barattoota hedduu hidhanii jiru.
Akka barattoota tokko tokko kanneen ONM dubbise himanitti yeroo itti gaafatamaan mana barumsaa kun manneen barnootaa seenuu nu dhorku kana yoo nuti maaliif ol seenuu dhorkamna jennee waa tokko dubbannee fi aariin waa hojjetu jedhanii humna waraanaa achitti buusaniiru.
Nutis badiin keenya maaloodha? yoo akka barattoota tokkootti badii hojjenne illee barsiisaan keenya abbaadha waan ta’eef, nu gaafachuu fi nu sirreessuu danda’a ture, yakka hojjenne qabaannaan ni fudhannaa nutti himaa malee barnoota irraa nu hin hambisinaa jennee kadhachaa turre, inumaa yoo galuu baattan ni hidhamtuu fi humna waraanaa kanaan reebamtu jechuun kanneen hin hidhamnes doorsisuun manatti nu deebisan jechuun miira aariin dubbatan.
Barattootni kun erga mana ga’aniis fedhii barnootichaaf qabanii fi badii dalagan dhabuu isaanii irraa kan ka’e haadhaa fi abbaa isaanii manneen barnootaa Giraa Gaadoos kanatti yoo ergan yeroo maatiin isaanii dhaqanii ijoolleen keenya maal balleessanii manneen barnootaa seenuu dhorkitan? yoo isaan badii dalagan ta’e ammoo adabbii isaanii beeksisaa, waan nutti murtaa’e ni fudhanna jedhanii dabballoota PP maqaa dura bu’oota mana barumsaa kanaa ta’an gaafatanis maatii arrabsanii akka galchan ibsaniiru.

