ONM-ABO Hagayya 27, 2024
Murni Bilxiginnaa bu’aa warraaqsa Qeerroo fi Qarree Oromoo butee aangootti erga dhufee uummata Oromoo diinomfachuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun dararaa qaamaa, saamichaa hanga ajjeechaa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Waggoottan ja’an kana keessatti gidiraa qe’een Oromoo keessummeessaa jirtu keessaa tokko barattootni carraa barnootaa dhabuu fi rakkoo nageenyaan barnoota addaan kutuu dha.
Sababootni barattootni mana barumsaa dhaquu dhiisuu fi addaan kutuu ammoo sababa rakkoo nageenyaa qofa osoo hin taane waraanni bilxiginnaa manneen barnootaa maadheffachuuti.
Waraanni faashistii PP manneen barnootaa mooraa godhatan ammoo amaloota aadaa fi safuu hawaasaa cabsu barattoota irratti raawwachuu, kitaaba kutanii irra rafuu, teessuma barattootaa dhimma biroof itti fayyadamuu fi tasuma iyyuu barattootni akka keessatti hin baranne dhorkuunfaa keessatti argama.
Har’a Bilxiginnaan badii ofii hojjetee barattoota mana barumsaa irraa dhorke dhokfachuun akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo manneen barnootaa gubuun barnoota dhorkeetti soba dhugeessee yeroo dubbatu argina.
Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Mirga Daa’immaniif falmu UNICEF ibsa baatii Caamsaa keessa baaseen beeksisetti impaayera Itiyoophiyaa keessatti barattootni miliyoona 8.85 rakkoo nageenyaaf mana barumsaan ala akka ta’an akeekee jira.
Haa ta’u malee gareen sobuun amala itti ta’e Bilxiginnaan karaa hoogganaa waajjira barnootaa godina Kaaba Shaggar BBC Afaan Amaaraaf akka himetti manni barnootaa 229 gubachuun 217 sababa rakkoo nageenyaan cufamuu fi barattootni 67,000 daree barnootaa irraa hafuu hime.
Hoogganaan waajjira barnootaa Bilxiginnaa Obbo Gaashawu Akiliiluu kun rakkoolee waraanni isaanii manneen barnootaa irratti raawwatan, qabeenya barnootaa miidhan, barattootaa fi barsiisota ajjeesan, akkasumas; mooraa mana barumsaa mooraa waraanaa taasifachuun yakka keessatti hojjetan hin caqasne.
Hoogganaan Bilxiginnaa Kaaba Shaggar kun kana dubbatus, aanaalee hedduu keessatti barnootni kan hin kennamin hafee fi sababni barattootnis barnoota addaan kutaniif mooraan mana barumsaa mooraa waraanaa ta’uun isa ijoodha.
Inni biraan ajjeechaa sababa deggertootaa fi firoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun raawwatuun maatiin ilmaan isaanii baasii dabalataan magaalaa birootti erguu irraan kan ka’eedha.
Yeroo garaagaraatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lola jabaa waraana faashistii PP mana barumsaa lafa dhalootni itti qaramu mooraa waraanaa godhatanii ta’an irratti taasisuun injifannoo argateen suursagaleen daawwachiisaa tureera.
Godinoota Oromiyaa waraanni faashistii PP manneen barnootaa mooraa waraanaa taasifatan keessaa tokko Kaaba Shaggar yoo taatu, aanaalee godinichaa hedduu keessatti WBO’n waraana PP mooraa mana barumsaa keessatti haleelee buqqisuun kitaaba barataa cirame, qorqorroo diigamee fi mooraa manca’e injifannoon booda ragaaf daawwachiisaa turuun ni yaadatama.
