Godina Booranaa magaalaa Yaaballootti barattoonni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kumaalaa Jaatanii Alii duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun hiriira mormii ba’an.
ONM-ABO Muddee 7,2022 Duguuggaa sanyii murna bilxiginnaan tumsamuun Oromoo irratti finxaaleyyii Amaaraa fi waraana bilxiginnaan waggoottan arfan kana bifa addaan raawwachaa jiru balaaleffachuun barattootni Oromoo hiriira mormii geggeessan itti fufanii jiru.
Hiriirri mormii gocha fixiinsa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiru ibsu guyyoottan sadan kanatti saffisaan goleelee Oromiyaa mara keessatti itti fufuun har’a Muddee 7,2022 ganama toora sa’a 4:00 irratti barattootni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Kumaalaa Jaatanii Alii godina Booranaa magaalaa Yaaballoo keessatti geggeeffamaa jira.
Barattoonni Oromoo kun lafa citee dhiigaa jechuun gocha abaaramaa morma ilmaan Oromoo kutee, qe’ee godaansisee fi gube balaaleffachuun murni bilxiginnaa aangoo gad haa dhiisu jedhaniiru.
Finxaaleyyootni lafa Oromoo irra qubatanii fi weeraranii yakka kana raawwachaa jiran Oromiyaa keessaa haa ba’an jedhaniiru.
Warraaqsa geggeeffamaa jiru kanatti barattootni hundi suuta itti hirmaachuun sirnichaa raasuun yaaddessaa kan jiran yoo ta’u warraaqsichi jabaatee akka galaanaatti uummata sochoosuun murna bilxiginnaa fi hawwitoota sirna moofaa keessattii liqimsuu qaba kan jedhan Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Yaaballoo ti.
