Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii bahaa ona Mi’eessoo fi zoonii lixaa ona Anfilloo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

WBOn zoonii bahaa ona Mi’eessoo fi zoonii lixaa ona Anfilloo keessatti diina du’aa fi madoon adabe.

ONM-ABO Muddee 11, 2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii ergamtoota ilmaan Minilik irratti fudhachuun Oromiyaa keessaa qulqulleessuu itti fufee jira.

Akka kanaanis baha Oromiyaatti WBOn zoonii bahaa Muddee 11, 2022 waaree dura godina Lixa Harargee laanaa Mi’eessoo araddaa Dalachaa iddoo Haroo Oromiyaa fi Kurfaa Sopheensaa jedhamtutti Cibraan Elemoo Qilxuu tarkaanfii waraana bilxiginnaa irratti ganama sa’a 5:00-7:00 gidduutti fudhateen injjifannoo guddaa galmeesseera.

Gama meeshaatiin qawwee AKM5 hidhannoo mudhii 5 waliinii fi maallaqa kuma 7,000 irraa booji’uun reeffa paatroolii 3 madoo paatiroolii 2n akka fe’atan tolcheera.

WBOn zoonii lixaas har’a ganama sa’a 2:30 irratti godina lixa Wallaggaa ona Anfilloo ganda Dollaa kan fageenya magaalaa aanaa Maggie irraa kiiloomeetira 5 fagaattu irratti waraana tiksitoota bilxiginnaa milishootaan makamtee namoota saamaa fi hidhaa jirtu irratti rasaasa itti roobsuun gariin ajjeesee gariin madeessuun qawwee 3, television, moobaayilii fi qabeenya maallaqa 20,000 baasu irraa booji’uun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii WBOn waraana bilxiginnaa irratti fudhatu itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version