Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Lixa Harargee ona Ciroo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaa bifa haaraan eegaleen fudhachuu itti fufuun kaleessa Waxabajjii 28 WBOn Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee ona Ciroo keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii aanaa Ciroo araddaa Jalloo Cirootti jajjabeen WBO zoonii bahaa waraana faashistii PP irratti ganama sa’a 4:00 irraa qabuun hanga sa’a 6:00tti fudhateen loltoota diinaa irraa 4 battalatti yoo irraa ajjeefamtu 5 madooftee jirti.

Ergamtootni murna bilxiginnaa tarkaanfii WBOn walitti aansee Kamisa galgalaa fi kaleessa guyyaa fudhateen baaraguun humna dabalataa bobbaasuuf tattaafachaa jiraachuun barameera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version