Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Lixa Harargee Aanaa Ciroo Keessatti Diina Du’aa fi Madoon  Yoo Adabu, Loltootni Bilxiginnaa Bireena Waliin WBO’tti Makaman

ONM-ABO Hagayya 13, 2024 

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Aadam ganda Noolee keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen du’aaf madoon adabee jira.

Tarkaanfii guyyaa lama Hagayya 11 fi 12, 2024  ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhateen 7 ajjeesee 9 madeesseera.

Sababa lola kanaanis waraanni faashistii PP magaalaa Ciroo fi aanaa Gammachiis irraa hedduminaan bakka lolaatti guuramaa turuun barameera.

Oduu mooraa diinaa onsuun walqabatuun ammoo Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee Mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Matahaaraa irraa loltootni faashistii Abiy Ahimed 2 Hagayya 11, 2024 sirnicha ganuun WBO’tti harka kennatanii jiru.

Loltootni Bilxiginnaa lamaan kun sabaan Amaaraa yoo ta’an, qawwee Turkii 1, hidhannoo 2, gumbii 3, Bireenii 1 fi jorooroo bireenii rasaasa isaa waliin mana Bilxiginnaatii baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiraachuu Ajajaan Zoonii Harsadee Jaal Gammachuu Shaanqoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Exit mobile version