Waraanni murna bilxiginnaa godina Baalee lixaa aanaa Diinshoo keessatti manneen uummataa gubaa fi uummata qabee hidhaa jiraachuun barame.
ONM – ABO – Muddee 26, 2022 Tiksitootni fi leellistootni nafxanyaa koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman waraanni bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota garaagaraatti mirga namummaa irraa mulquun yakkoota adda addaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Akkuma kanaan waraanni teessoo faashistichaa tiksaa jiran kibba baha Oromiyaa godina Balee lixa aanaa Diinshoo ganda Ayyiddaa keessatti torberle darbe Muddee 21, 2022 uummata nagaa waraana bilisumma Oromootiin hariiroo qabdu jechuun abbaa daa’imman afurii dabalatee namoota biroo mana jireenyaa qabeenya manaa guutuu waliin ibiddaan barbaadeessuun mana malee hambisuun rakkoof saaxilamanii jiru.
Namootni manni jalaa gubate kunis maqaan isaanii Siraaj Yusuuf, Abdallaa Waccaa, Ahimed Maammee fi Abdallaa Maammee akka ta’an gabaasa maddeen keenyaa irraa beekuun danda’ameera.
Kana malees onuma Diinshoo keessatti namoota kudhaa lama kan hanga ammatti maqaa isaan nu hin geenyee guyyuma kana waraanaan kan qabaman yoo ta’uu hanga ammatti achii buuteen isaan dhabamee akka jiru maddeen dabaluun ibsaniiru.

