Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee lixaa aanaa Diinshoo keessatti waraanni faashistii PP manneen 85 gubuun hoolaa namootaa bishaan nyaachisan

ONM-ABO Sadaasa 1, 2023

Gareen maafi’aa PP ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, saamuu, hidhuu fi ajjeesuu guyya guyyaan Oromiyaa kutaalee hunda keessatti jabeessuun yeroo ammaa manneen qote bultootaa maqaa waraana bilisummaa Oromoon gubanii qabeenyaa guutuu waliin barbadeessaa jiru.

Bifuma kanaanis godina Baalee lixaa aanaa Diinshoo ganda Ayiddaa bakka addaa Wargooluu jedhamtu keessatti Onkoloolessa 30, 2023  manneen qonnaan bultootaa baay’inni isaa 85 ta’e naasuu tokko malee gubanii barbadeessuun Hoolota hawaasaa baay’inni 68 ta’e galaana guutee jirutti naquun akka nyaachisan maddeen ona Diinshoo himan.

Akka albuuda gatii jabeessaatti Kan ilaalamuu fi kabaja guddaa Saba Oromoo biratti Kan qabu Horiin, kaadiroota sirna bilxiginnaa duudhaa fi safuu uummata Oromoo cabsuun hojii shororkeessummaa hojjettaniin, obbo Huseen Xaayir fi obbo Yusuuf Xaayir dabalatee namoota hedduu jalaa akka bishaan nyaachisan Kan heeran maddeen, namootni gochaa badii kana raawwachiisan maqaan isaanii Kamaal Yuusuuf fi Jamaal Huseen ta’u maddeen himan.

Exit mobile version