Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa aanaa Diinshoo keessatti namootni murtii seeraa malee yeroo dheeraaf  mana hidhatti dararamaa jiraachuu fi ammas hidhamaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 6, 2023

Murni faashistii PP gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojiiwwan farra mirga dhala namaa uummata Oromoo irratti raawwatu itti fufuun, namoota badii tokko malee osoo murtii hin kenniniif waggaa fi isaa ol buufata poolisii godina Baalee Lixaa aanaa Diinshootti hidhee rakkisaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti gareen maafi’aa PP ergamtoota isaaf amanamoo ta’aan uummata nagaatti bobbaasuun aanaa Diinshoo ganda Ayiddaa keessaa namoota waggaa oliif hidhee hanga ammaatti murtii tokko malee dararaa jiraachuu fi ammas bifa haaraan hidhaa jiraachuu himan.

Namootni ganda Ayiddaa keessaa qabamanii hidhamanii jiran kunis, Ibraahim, Mihaammad Umar, Abduljabbaar Mohaammad, Kadir Abdoo, Mohaammad Ahimed, Ganamoo Umar, Abdurhamaan, Abdurrazaaq Aliyyii, Umar Haaji Mahaammad fi Ismaa’el Mohaammad kanneen jedhaman yoo ta’u, kanneen keessaa namootni waggaa olii fi erga hidhamanii torbee lama guute keessatti argamu.

Kanneen keessaa warreen erga hidhamanii torbee lama hin calle  ammoo Ismaa’el Mohaammad, Ganamoo Umar, Ziyaad Aliyyii fi Mohaammad kanneen jedhaman ta’uu maddeen himuun torbee darbe keessas aanuma Diinshoo ganda Ayiddaa kana keessaa waraanni Abiy Ahimed manneen qonnaan bultootaa 85 gubuun hoolota hedduus bishaan nyaachisuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version