ONM ABO Muddee 25, 2024
Aanaa Sinaanaa ganda Kibxatee 01 keessa jiraachaa kan ture Obbo Baay’isaa Baacaa mana jireenyaa isaa keessaa qaamolee murna gabroomsaa PP’n butamee mana hidhaatti hiraarfamuu erga eegalee kan bubbule ta’uu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Rakkoo fi dararaan hedduun waggoota lamaa fi ji’a afurii oliif irratti raawwachaa kan jiru Obbo Baay’isaan hanga har’aatti maqaa ati seelii waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun murtii seeraa malee doorsisni ajjeechaa lubbuus irratti raawwatamuun beekameera.
Obbo Baay’isaan jaarsa biyyaa umuriin isaa ganna 57 ogguu ta’u, nama qaama hir’uu, abbaa maatii kan ta’ee fi nama rakkatee jiraataa tureedha. Mana hidhaa keessattis dubbii dharaan yeroo qabamee hidhame irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaayetti dhukkubsatee baay’ee rakkachaa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

