Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaamsa Guyyaa WBO fi Bara Haaraa 2023 (Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Dhaamsa Guyyaa WBO fi Bara Haaraa 2023 (Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)
• Kabajamaa Ummata Oromoo – Kan mirgaa kee goonfachuu fi Biyya kee irratti abbaa biyyaa ta’uuf qabsoo hadhooftuu keessa jirtu;
• Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Gabrummaa bara dheeraa si irra ture fi amma bifa jijjiirratee sitti deebihaa jiru xumura itti tolchuuf Warraaqsa Oromoo Baraaruu gaggeessaa jirtu;
• Miseensota ABO-WBO – Kaayyoo Oromuummaa qabattanii galiin gahuuf wareegama ulfaataa baasaa jirtan;
• Waraana Bilisummaa Oromoo – Diina ummata keenyaa irraa kaasuuf roga hundaan falmaa hadhooftuu gaggeessuun adaba itti kennuu irratti argamtan;
• Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessa jirtan; kanneen ilaalcha siyaasaa keessaniif qofa mana hidhaa diinaa keessatti gidiraa argaa jirtan;
• Akkasumas Deeggartootaa fi hiriyyoota – Qabsoo Bilisummaa Oromoo hundaaf;
Barri 2022 dhumatee barri haaraan 2023 yeroo seenu, dhaamsa bara haaraa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo maraan, baga ittiin isin gahee! yeroo jennu; ulfinaa fi kabajaa guddaadhaani. Barri haaraan itti seenaa jirru kunis, bara qabsoon Oromoo xumura itti argatu, bara bilisummaa saba keenyaa itti dhugoomu, akkasumas bara sirni nama-nyaataa fi morma-kutaa nafxanyootaan deeggaramu Oromiyaa keessaa buqqa’u akka ta’uuf, wareegama feesisu baasuuf waadaa haaromfachuu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO ibsa.
Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Amajjiin 1, guyyaa seena qabeessa dha. Gootowwan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha wareega baasanii injifannoo boonsaa nuuf galmeessanii jiru. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa Oromiyaa dhuunfachuu irratti argamu. Seenaan Amajjii 1, bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Haa tahu malee, qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Guyyaan kun guyyaa damboobaa, guyyaa jabinaatii fi hamileedhaan guutame ture. Har’as duulli sanyii duguggaa Oromoo irratti yeroo gaggeeffamaa jiru keessatti guyyaa kana yaadachuun injifannoo keenya boruuf nu damboobsuu fi nu jabeessu dha.
Bara 2022 keessa rakkoolee nu mudatani fi injifannoolee WBOn galmeesse danuu dha. PPn karoora uummata Oromoo dhabamsiisuuf maqaa WBO ‘ABO-Shanee’tti jijjiiruun bobbaatus; WBOn lola ittisaa fi haleellaa gaggeessuun injifannoolee boonsaa bara itti galmeesse dha. Lolli itti fufiinsa qabu Oromiyaa mara keessatti gaggeeffamaa jiru irratti dabalatee; weerarri sanyii duduggaa qindaawaa fi addaa bara kana keessa marsaa lamaaf Oromiyaa Kaabaa haga Kibbaa,
Dhihaa fi Gidduu Galeessa keessatti gaggeeffame jira. Kunis WBO fi uummata Oromoo cabsuuf kan karoorfame ture. PPn Oromoo cabsuuf sarara quunnamtii bilbilaa fi interneta dhaamsuun raawwatame addunyaa irraa dhoksuun yakka sanyiin duguggaa hiriyyaa hin qabne Oromoo irratti gaggeeffame. Haa ta’uuti, WBOn loltuu yakkamtuu Abiy kan Oromoo irratti bobbaafamte kana kumoota kurnaniin du’aan adabuu, madeessuu fi booji’uun injifannoo boonsaa galmeessee jira. Lakkoofsi du’aa, madoo fi boojuu bara 2022 guddaa ta’uu irraa kan ka’e boji’amtoota harka WBO seenan marsaa marsaan barnoota haaromsa itti kennuun akka qe’ee isaaniiti deebifaman ta’ee jira. WBOn baadiyyaalee Oromiyaa, Magaalaalee Onaa fi Zoonii hedduu dhuunfachuunis injifannoolee galmeeffaman keessaa isa guddaa dha.
Waggoottan darban keessa siyaasni Impayera Itiyophiyaa lola waliin wal hidhate keessatti, siyaasi ABO-WBO gaggeessaa tures kan kaayyoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saba Oromoo guutuutti fiixa baasuu ture. WBOn yeroo gabaabaa keessatti of ijaaree jabaachuun, kan haqaa Oromoo yeroo gabaabaa keessatti milkaahuu dandahu ta’uu itti mirkanaahe dha. Falmaa siyaasaa kana keessatti ABO-WBOn karoora diinni Oromoo akka sabaatti dirree siyaasaa keessaa baasuuf dhamaate fashalsuun, akka Oromoon dirree siyaasaa keessaa jiraatu, qabeenyi isaa hin saamamne, afaanii fi aadaan isaa hin dhabamne falmaa qindaawaa gaggeessuun milkiilee jajjaboo galmeessee jira. Ejjennaan siyaasaa hawaasni Oromoon qabu gara tokkotti luuccessuun WBO cinaa hiriirsuun; caasaa diinni hacuuccaa fi saaminsaaf tolfate baadiyyaa fi magaalaalee Oromiyaa keessa diiguun bara itti injifannoo boonsaa itti argate dha. Oromoon tumsa humnoota mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhugeeffatan, sabaa fi sablammoota olloota isaa jiran waliin qabsoo isaa qindeeffachuu dandahe dha. Uummati keenyis ijoollee barattoota sadarkaa tokkoffaa osoo hin hafiin Warraaqsa Oromoo Baraaruu keessatti hirmaachuun, murannoo Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa baraaruuf qaban itti agarsiise dha.
Barri 2022 bara kaayyoon Waraanni Bilisummaa Oromoo wareega qaalii itti baasaa jiru akka biiftuu ganamaatti mul’atee, addunyaanis irraa haasahuuf itti dirqame dha. Fakkeenyaaf; namooti siyaasa gaanfa Afrika keessatti beekaman kan akka Prof. Alex De Wal, hireen impayera Itiyophiyaa miila WBO jala jiraachuu bara addunyaaf itti ibse fi Ambasaddor Herman Cohen ammoo falmmaa WBOn gaggeesseen sabni Oromoo kan sagaleen isaa ukkaamfamee ture, sagalee argatee rakkoon isaa hubatamaa jira bara ittiin nuun jedhan ture. Barri 2022 yeroo itti ABO-WBO injifannoo gama siyaasaan galmeessen, diinni ammoo siyaasaa fi diplomasiidhaan kasaaree, abdii kutannaan uummata Oromoo jumlaan fixaa ture dha. Ajjeechaan kunis; mana hidhaa, bakka jiruu, mana kadhannaa, mana barnootaa osoo hin jenne rasaasa, Drone fi Xiyaaraan bifa sukkaneessaan kan raawwatame yeroo ta’u, bara itti wallaalummaan PP ifa bahe ture. Fedhii siyaasaa Oromoo ukkaamsuuf, rakkoo mootummaa haguuguuf, mootummaan Abiy hidhattoota Faannoo Oromiyaatti bobbaasee ilmaan Oromoo ajjeesisuu, qe’ee isaanii irraa buqqaasuu fi qaluun ammoo mootummaan Abiy bara itti shororkeessaa ta’uu isaa ragaa of irratti bahe dha.
Diinni injifatamuu isaa haguuguuf, humna finxaaleyyii nafxanyootaa Oromiyaatti bobbaafaman haaleellaa WBO dandamachuu hin dandeenye. WBOn humna sadarkaa Oromiyaa dhuunfachuuf dandeetti itti qabu ta’uu agarsiisee jira. Imala gara Finfinnee eegalamee gufachiisuuf haleellaa Xiyaaraa fi Drone irra aanuun bobbaa isaa yeroo itti milkeesse keessa jirra.
Haala kanaan WBOn humna isaa aynaa fi ba’inaan guddifachaa, bobbaa isaa babali’suun, lola wal irraa hin citne gaggeessaa, sadarkaa Oromiyaa guutuu keessatti; Kibba Oromiyaa (Gujii fi Borana), Gidduu Galeessa Oromiyaa (Kaaba Lixa Shaggar, Lixa Shaggar, Baha Shaggar), Kaaba Oromiyaa (Wallo), Dhiha Oromiyaa (Wallagga Dhiha, Wallagga Baha, Horroo Guduruu, Jimma, Iluu Abbaa Booraa), Kibba Bahaa Oromiyaa (Arsii fi Baale) fi Baha Oromiyaa (Harargee), akkasumas magaalota Oromiyaa hedduu keessatti diina haleeluun roorroo uummata irraa qolachaa jira.
Gama Diplomasitiin; injifannoon jalqaba maallaqa liqii fi gargaarsaa biyya alaa irraa karaa IMF fi World Bank argamu akka PP bira hin geenye tolchuu ture. Maallaqni kun PPf madda dinagdee, kan meeshaa waraanaa ittiin bituuf gargaaramu dha. Karri madda dinagdee PP gama kanaan cufamuun milkii bara 2022 keessatti argame dha. Ammas haalli nagaa fi tasgabbii naannoo osoo hin mirkanawiin maallaqni PPn argattu hin jiru. Araarri ammaa warra Kaabaa waliin tolfame jedhamus, drama itti maallaqa IMF fi World bank irraa argatanii abdataniiti. Ammas gama keenyaan maallaqni sun akka gad hin dhiifamen hojii manaa itti fufiinsaa irratti hojjetamuu qabu qabna. Gufuun Diplomasi eenyummaa Abiy Ahmed waliin wal qabatee jirus ni jira. Namooti Abiy bakka bu’aa Oromomiya dha, jedhanii ibsan danqaa Diplomasi ta’anii jiru. Danqaa kana buqqisuuf hojii qindaawaa fi wal-hubannaa gaafata. Dhimmi siyaasa Oromiyaa dhimma Abiy Ahimed godhanii ilaaluun dogoggora ta’uun beekamuu qaba. Itiyophiya keessatti mootummaa Oromootu jira afaanfajjii jedhu hawaasi addunyaa qofa osoo hin taane hawaasa keenyi haga yeroo dhihootti burjaajii guddaa keessa ture. Gaaffii ykn fedhiin siyaasaa Oromoos Abiy jalatti akka haguugamuuf gahee guddaa qabaachaa ture.
Haala kanaan Abiy, afaanfajjii kana babal’isuuf olola WBO irratti gaggeessaa ture jabeessee itti fufee jira. Kuns, bajata guddaa ramadee social media fi media, maqaa ‘abbootii Gadaa’ fi namoota bebbeekamoo itti dhimma bahuun shakkii fi qoodama Oromoo gidduutti kan jiru fakkeessuuf namoota bobbaaseera. Kunis, jecha Abiy WBOn hoggana siyaasaa fi akeeka siyaasaa hin qabu, WBOn Shororkeessaa fi Shiftaa dha jedhee hawaasa addunyaa dogoggorsuuf dhama’ee itti milkahuu hanqate, bifa haaraan gaggeessuu dha. ABO-WBOn quunnamtii Diplomacy tolfateen humnoota gurguddoo biyyoota gara dhihaa fi biyyoota ollaa Gaanfa Afrikaa keessa jiran hubachiisuu fi qabsoo isaa cimsuu itti fufuun barbaachisaa ta’uu jaallan fuula sana irra jiraniif dhaammanna. Kijibaa fi shirri Abiy Ahmed saaxiluun dhugaa injifachiisuun murteessaa dha.
Uummati keenyi biyya alaa fi biyya keessaa tokkummaadhaan WBO dinagdee, beekumsaa fi ogummaadhaan gargaaraa jirtan sabbonummaa keessan hojiidhaan mirkaneessitan waan ta’eef; warri har’a qabsoo keessan hojiidhaan utubdanii biyya keessan ijaaraa jirtan gaafatamummaa boruu akka baachuu dandeessan ragaa qabatamaa dha. Ammas, qabsoon keenyi waan itti fufaa jiruuf gumaachi keessan si’aa’inaan fi dachaa hedduun akka ol-guddatu ni hubattu jennee abdanna.
Dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman hedduun kan PPn rakkoolee qabsaawotaa fi ilamaan Oromoo irra gahaa jiru gabaasuun, hammeenya PPn uummata keenya irratti dalagde waltajjii idil-addunyaatti dhiheessaa jirtan, lola sanyii duguggaa Oromoo irratti gaggeeffame hunda saaxiluu keessatti qooda qabdan marti galata qabsoo qabdu. Hojii boonsaa itti jirtan bifa qindaawaa fi waaltomina qabuun hojjechuun humna hawwannoo keessan cimsuuf itti fufiinsaa fi jabinaan itti fuftan dhaammanna.
ABO-WBOn tokkummaa uummata Oromoo jabeessuuf ilmaan Oromoo roga hundaa keessa jiran waliin hojii gurguddaa hojjechuun milkilee ciccimoo galmeessee keessaa Oromoon dhimma dantaa Oromoo irratti akka waliif galu tolchuu fi tarsiimoo qabsoo isaa qixeeffatee itti bobbahuun yeroo gabaabaa keessatti rarraga injifannoon geessisuu eegalame dha. Sunis jalaqaba gaarii fi kan jabaatee itti fufuu qabu dha.
Gama biraan diinni, farreenii fi ayyaanlallattooti tokkummaa Oromoo sharafuuf garaagarummaa xixiqqaa afarsuun, tokkummaa Oromoo diiguuf yaalan akka fashaluuf; miseensoti, deeggartootii fi uummati Oromoo ABO-WBO deeggartan qindoominaan akka fashalsitan shakkii hin qabnu. Keessattuu bara dabarsine kana keessa tokkummaan Oromoo bara itti jabaatee mul’ate, afuura tokkoon qabsoon biyya keessaa fi alaa itti itituu eegale dha. Itita tokkummaa Oromoo tikfachuun dhimma tarsiiomoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo waan ta’eef jabeeffachuun dirqii dha. Har’a Oromoo lagaa fi gosaan gargar qooduun dantaa Oromoo guutuun akka gonkumaa hin dandahamne ifa galaa waan ta’ee warreen sanaan deemtan akka irraa dhaabbattan akeekkachiisna.
Waraanni lafoo PPn bobbaafte WBO lolee injifachuu dadhabee, haleellaa Dronii fi Xiyyaaraa gaggeessuun uummata nagaa fixuun abdii kutannaa agarsiiseera. WBOn qabatamaan diina lolee injifatee jira. WBOn Qabsoo Oromootti xumura itti tolchuuf dandeetti gahaa qabaachuu isaas hojiin mirkaneessera. PPf Oromoo qooduun imaammata dhaabbataa waan ta’eef jallaa Oromoon qabu itti dhimma bahuun akka qabsaawaa qabsoof dhimme fakkaatee summii diigumsaa facaasus mul’atee jira. Qoodaminsa dhalchuu fi babal’isuuf dirama hedduu hojjetamu keessaa; sadarkaa duraatti WBO fakkaatanii uummata irratti yakka raawwachuun maqaa WBO xureessuu, caasaa WBO hulluuqanii seenuun WBO keessatti diigumsa gaggeessuu, namoota sadoo dhuunfaaf jiraatan kaadhimmachuun mooraa qabsoo Oromoo cabsuuf dhama’amaa turan irra hedduu qabsoon irra aannamee jira. Akkeeki farrummaa kunis qabsaawota fi uummata keenya abdii kutachiisanii PPtti harka kennachiisuu dha. Kunis hubannaa ofii kan sadarkaa qabsoon har’a barbaadduu bira dhaqabsiisuun, diina ofii fi fira ofii adda baafachuun, wallaalummaa irratti duuluu fi naamusa jabaa itti dhimma bahuun barbaachisaa dha. Qaawwaa diinni itti seenee babal’isuu barbaadu hunda cufachuunis kan ilmaan Oromoo dirree waraanaa keessa jiran, biyya ambaa keessaa fi biyya keessa jiran mara irraa eegamu dha.
PPn dhimma rakkoon kaaba Itiyophyaa waliin qabnu fixanne jettu ilaalchisee, qabsoo Oromoon gaggeessu kan warra kaabaa irra adda ta’uun hubatamuu qaba. Oromoon biyya isaa irratti abbaa ta’uuf qabsaawa, warri kaabaa ammoo biyya isaanii qabatanii aangoo siyaasaa fi dinagdee dabalataa qooddachuuf wal dhabu. Toftaa fi tarsiimoo nuti hordofnu fi isaan hordofan garagarummaa guddaa akka qabus beekamaa dha. Namooti bebbeekamoo, kan miseensota mana marii, ‘Abbootii Gadaa’ bobbaasuun karaa media fi media hawaasummaa irraan dhimma lola kaabaa fi Oromiyaa wal fakkeessuun hojii diigumsaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhalchuuf yaalan akka gochaa isaanii irraa dhaabbatan ABOWBOn akeekkachiisa. Dhimma kana waliin wal qabatee burjaajii dhalatuuf; Oromoon akka tasgabbiin dhaamsa ABOWBO hordofu dhaammanna. Warri kaabaa Qawwee hiikkachuun aangoo fi dantaa argatan irratti hundaawa, Oromoonis haga gaaffiin isaa kan abbaa biyyummaa galmaan gahutti qawwee isaa lafa hin kaahu, gaafa fedhiin Oromoo guutames qawwee isaatiin dantaa siyaasaa isaa qawwee isaatiin tikfachuun dirqii ta’a jennee amanna.
Waraanni Bilisummaa Oromoo seera waraanaa, heeraa fi sagantaa siyaasaa irbuu itti seenee fi jaarmiyaa jalaatti taliigamuu qaba. Haala kanaan rakkoo isaa dhiibbaa tokko malee, of danda’ee kan furachuu danda’uu fi murtee waloos waliin fudhachuu danda’u dha. Hir’iina, mudaa fi dogooggora akka jaarmiyaatti muudatee kamiyyuu seeraa fi heera irraatti hundaa’ee sirreessa. Kanaaf, qaamotii fi namooti dhuunfaa media fi media hawaasummaa itti dhimma baatanii olola afarsaa jirtan gochaa diigumsaa akkasii irraa akka dhaabbattan dhaammanna!
Olola PPn WBO irratti ooftuu dhugaa fakkeessuuf qorannoo maqaa WBO xureessu oomishamu mara ABO-WBOn quba qaba. Rakkoo ololaa fi hanqinoota qorannoo kanaa qaama dhimmi ilaalu waliin marihatee sirreessuuf irratti hojjeta.
Olola diiggaa karaa media fi media hawaasummaa irratti maqaa qabsaahota Oromoo dirree irra jiran xureessu gaggeessuun dhiiga wareegama jaallaniitti qoosuu dha. ABO-WBOn jaarmayaa seeraa fi heera qabu, rakkoo jiru seeraa fi heera qabuun furata waan ta’eef, dhimma WBO keessa galtanii keessaa fi alaan ololtan olola kana irraa akka hatattamaan dhaabbattan akeekkachiisa.
Walumaa galatti barri 2022 bara itti addunyaan rakkoo Oromoo furuuf fedhii guddaa itti agarsiiste dha jechuun dandahama. Dhugaa lafa irra jiru halagaa hubachiisaa deemuun, dandeettii WBO qabu guddisuun, naamusaa fi akeeka WBOn qabu itti agarsiisuun, fi eenyummaa Abiy akka sirnaan hubatan itti fufiinsaan hojjechuun dirqama hojii fuula sanaa irratti bobbahaniiti.
Uummatni keenyi rakkoolee jiran furuu fi injifannoolee WBOn galmeesseetti onnatee, kaayyoo Qabsoon Bilisummaa
Oromoo ABO-WBOn gaggeeffamu qabatee sosso’aa jiru ofitti fudhatee waliin tarkaanfachuuf murteeffatee jira. Ilmaan
Oromoo bakka jiran maratti tokkummaan wal ijaaranii ABO-WBO waliin hiriiruun WBO gargaaruuf, jaarmayaa ABOWBO dirree irraa qajeelfama fudhatee sosso’aa ture bifa mul’ataan gad dhaabuuf kaka’umsa guddaa qabaachuunis injifannoo waan ta’eef jabaadhaa jennaan. Akkaataa fi gaafatamummaan kunis kan sarara quunnamtii qabnuun waliif kan ibsinu ta’a.
Maqaan ‘Shanee’ jedhu siyaasa Itiyophiyaa keessatti sadarkaa duraatti mul’atu ta’ee jira. Sirni Abiy Ahmed qaamota siyaasaa sodaatu mara Shanee jedha, ‘Shanee Oromoo’ fi ‘Shanee Amaaraa’ jedhee yeroo moggaasu; warri sirna Nafxanyaa gad dhaabuu barbaadan ammoo nama afaan Oromoo dubbatu mara ‘Shanee’ jedhanii yaamu, kuns warra maqaa Oromootiin aangoo siyaasaa qabate ‘Shanee masaraa mootummaa kiloo 4’ jiru jedhu. Amma xiqqaatu partiin siyaasaa gurguddaa Itiyophiyaa keessa jiran maqaan ‘Shanee’ jedhuun wal waamu. Shaneen qaama akeeka siyaasaa qabaatee sosso’u hundatti maxxanee ibsamuun WBO humna jabaa ta’uu agarsiisa.
Bara kana keessa halagaa, firrii fi diinni jabina qabsoo bilisummaa Oromoo dhoksuu dadhabuun gurra itti kennee caqasuuf dirqame dha. Kunis, sababa WBOn caasaa tokko jalatti hiriiree jabaatee, hojii Waraanaa, Siyaasaa, Qaruutummaa, Diplomasi, Dinagdee fi mirga dhala namaa gaggeesseef akka ta’e ifaa dha. Ammas qabsoon bilisummaa Oromoo itti cichanii waaltomina cimaan uummata keenya jabeessinee ijaaruun rarraga injifannoon gahuun akeeka tokkicha WBOn wareegama itti baasaa jiru dha!

Barri haaraan kan haqaa, nagaa, fayyaa, gammachuu, taadhummaa, bilisummaa fi walabummaa nuuf haa ta’u!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Mudde 31, 2022

Exit mobile version