Jaal Qajeelaa Siraaj Hasan – Gaafatamaa Jaarmiyaa ABO-WBO biyya alaa
Gaaffii bu’uraa qabsoon bilisummaa Oromoo kan mirga hiree murteeffannaa bakkaan gahuuf qabsoo hadhooftuu Waraanni Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiraachuun beekamaa dha! WBOn Mirga abbaa biyyummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo, osoo irraa hin sharafamiin akka hojii irra oolu lubbuu isaa qaalii wareegee injifannoowwan gurguddoo galeemssaa jira. Haala bara 2018 qabsoo bilisummaa Oromoo mudate waliin wal qabatee ABOn gara Finfinnee gaafa seene irraa eegalee WBOn walabummaa jarmayaa qabaachuuf dirqame. Haallan WBOn akka walabummaa jaarmayaa qabaatu isa dirqan keessaa:
1. ABOn akka paartii siyaasaatti Bordii Filannoo Itiyophiyatti waan galmaayeef, qabsoo hidhannoo hogganuuf seeraan waan dhorkaameef;
2. Miseensota Koree Hujii Raawwachiiftuu ABO miseensa PP ta’uun fi isaan keessaa ammoo sadarkaa naannoo fi federaalatti bulchiinsa mootummaa PPtti waan dabalamaniif;
3. Miseensoti Koree Hujii Raawwachiistuu ABO gariin caasaa basaasaa PP keessa waan galaniif;
4. Hogganootaa ABO cichoon ta’an ammoo mana hidhaatti waan darbatamaniif;
5. Kanneen hafan ammoo shira micciirraa siyaasaan mootummichaa jalatti waan kufaniif;
ABO Finfinneetti deebihe birmadummaa jaarmayaa fi dilbii siyaasaa waan dhabeef, WBOf kallattii siyaasaa kennuu waan dadhabeef; humna seeraa, anniisaa siyaasaatii fi dandeettii hojii ittiin sochosu dhabe. Qaawwaa hooggansa siyaasaa uumame cufuuf WBOn Adoolessa bara 2021 Oromiyaa dirree walabaa keessatti Kora Guddaa gaggeefate. Kora kana irratti hogganni siyaasaa WBO, qondaalotaa fi ajajootni waraana WBO fi deggertoonni WBO Oromiyaa guutuu keessaa irratti hirmaatanii hogganaa siyaasaa fi waraanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO tolfatan. Kora Kanaan, ABOWBOn itti gaafatamummaa ol’aantummaan sochii waraana WBO hogganuu, dhimma siyaasaa fi dirree diplomaasii qindoominaan qajeelchuu fudhate. Moggaasni ABO-WBO jedhus siyaasnii fi waraanni qaama tokko jalatti waaltawee taliigamuu fi tokkoomuu akeeke.
Haala kanaan WBOn dirqama dachaa ofitti fudhate kana biyya ambaatti taliiguuf; hojii ajajaa ol’aanaa ABO-WBO biyya ambaa keessatti bifa waaltomeen qindeessuuf didhaaleen hedduu turans, har’a Oromoon wal hubatee WBO jabeessuuf hoggana ajajaa ol’aanaa ABO-WBO jabeessuun alatti falli akka hin jirre hubatee, qaama biyya alaatti dinagdee, beekumsa, beeksisii, teknology fi halagaa firoomfachuu bifa waaltomeen tolchuun dirqii ta’e.
Ilmaan Oromoo biyya ambaa keessa jiran 2018 irraa eegalee kaka’umsa ofiin WBO qixa dinagdee fi beekumsaan gargaaraa turtan marti galata guddaa qabdu. Haata’uutii gargaarsi bifa faffaca’een, quba qabeenya ajajaa ol’aanaa ABO-WBO alatti miseensa waraanaaf dhaqabaa ture, akka waraanni waliif hin abboomamnee fi sirna dhablummaa babal’isuu keessatti waan gumaache waan qabuuf; tokkummaa Waraanaa itichuu fi akka qaama tokkotti wal taliiguuf gargaarsii fi deeggarsi akka bifa waaltominaa qabuun qajeelfamu, sunis dirree irraa qajeelfamu dirqee jira.
Haala kanaan qaamni ajajaa ol’aanaa ABO-WBOtti dhihoo jiru fi kan qajeelfama jaarmayaa ABO-WBOf qajeelfama kennu, jaal Qajeelaa Siraj Hasan, dirqma hojii jaarmayaa biyya ambaa walii galaa irratti ramadamuu isaanii ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa.
Hojii biyya ambaa keessaa jiru waaltessuuf, humna bakka bakkatti faffaca’ee jiru walitti qabanii ammachuuf, qaamni qajeelfama jaal Qajeelaa Siraaj Hasan irraa fudhatanii bifa koree yeroon ijaaramanii dirqama Oromoo tokkoomsuu, gumaacha WBO guddisuu, gurmuulee haal-duree tokko malee WBO gargaaranii fi dirree irraa qajeelfama fudhachuuf qophii ta’an mara walitti qabuuf koreen yeroo namoota armaan gadii irraa tolfamee jira; isaanis:
1. Jaal Lalise Roobaa
2. Jaal Caalaa Muhamad
3. Jaal Elemoo Odaa
4. Jaal Cichaa Goobaa
5. Jaal Biiftuu Fayisaa
6. Jaal Morkataa Guutuu
7. Jaal Jireenyaa Guddataa dha.
Qaamni dhimmi WBO na galcha jedhu kamuu, kan dirree irraa qajeelfama fudhatee, haal duree tokko malee WBO gargaaruuf qophii ta’e marti, jaallan armaan olii quunnamuun odeeffannoo fi kallatti ijaarsaa dirree irraa qajeelfamu keessatti akka ammatamatan dhaammachaa;
1. Hayyoota Oromoo biyya ambaa keessa jiraattan; beekumsi keessan akka qabsoo bilisummaa Oromoof gargaaru, jaarmayaa ABO-WBO biyya ambaa quunnamuun, biyya keessan Oromiyaa ijaaruu keessatti akka qooda fudhattan waamicha dhiheessina.
2. Miseensoti ABO biyya ambaa keessa sosso’aa jirtan marti; kaayyoo fi akeeki dhaabaa keenyaa galmaan gahuuf, qajeelfama dirree qabsoo irraa fudhachuu fi dirree qabsoo cimsuun murteessaa waan ta’eef, gargaarsaa fi gumacha WBO gumaachitan mara akka karaa jaarmayaa ABO-WBO biyya ambaa tolchtan dhaamsa dabarfanna!
3. Deeggartoota Waraana bilisummaa Oromoo qixa adda addaan WBOf gumaachaa turtan, kan kallattiin WBO waliin quunnamtii qabaachaa turtan, akkaataa itti jaarmayaa ABO-WBO biyya ambaa waliin hojii keessan qindeeffattan qajeelfama ajajaa ol’aanaa ABO-WBO irraa fudhattanii sossootan waamicha dhiheessina.
4. Dhaloota haarayaa Oromoo biyya ambaa keessa jirtan, kan beekumsa teknologiitti dhihoo jirtan, bifa hojiin jaarmayaa fi waraanaa teknologydhaan deeggaramu irratti gumaacha keessan akka cimsitan fi sanas karaa jaarmayaa ABO-WBO biyya ambaa nuuf qixeessitan dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa ol’aanaa ABO-WBO
Ebla 13, 2023

