Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa hidhaa aartistoota Oromoo irratti hammaassuun baha Shaggar aanaa Boosat keessatti weellisaa Oromoo tokko qabanii hidhan

Murni bilxiginnaa hidhaa aartistoota Oromoo irratti hammaassuun baha Shaggar aanaa Boosat keessatti weellisaa Oromoo tokko qabanii hidhan.

ONM – ABO – Amajjii 3, 2023 Murni bilxiginnaa aartistoota Oromoo yeroo gaddaa fi gammachuutti aadaa fi seenaa saba isaanii sirbuun ogummaa isaaniin guddina aartii sabichaaf carraaqaan bakka isaanii deemanitti jala bu’uun qabee hidhaa jira.

Dilbata dheengaddaa Amajjii 1, 2023 godina baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Boosat keessatti waraanni bilxiginnaa aartistii Oromoo Kadir Adishoo jedhamu badii tokko malee qabuun waajjira poolisii magaalaa Boolee keessatti hidhanii jiru.

Waraanni murna faashistii PP kun aartistii kana malee hiriyoota isa gaafachuuf dhaqanillee itti dabalanii akka hidhantu dubbatama.

Aartistootni sagalee uummata ta’uun osoo beekamuu Oromiyaa magaalaa Finfinnee ala kan hojiif deeman yoo ta’e dhimmoota birootti shakkamuun kan hidhaman yoo ta’u torbee darbe keessa weellistuu Faaxee Aniyyaa fi ilma aartist Daadhii Galaan, Imaanaa Daadhii qabanii hidhuun ni yaadatama.

Exit mobile version