Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabinootni fi waraanni bilxiginnaa godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq keessatti uummata hojii dhaabsisuun waltajjiin dararuun hammaate

Kaabinootni fi waraanni bilxiginnaa godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq keessatti uummata hojii dhaabsisuun waltajjiin dararuun hammaate.

ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Murni bilxiginnaa siyaasa isaa harkatti kufe deebisee uummata keessatti ijaaruuf ajandaalee garaagaraa bocuun hawaasa hojii dhuunfaa irraa qabuun waltajjiin daraaraa oola.

Kaleessa Amajjii 3, 2022 godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq gandoota garaagaraa keessatti akka paartiin bilxiginnaa ambaasaaddara nagaa ta’etti qaamota biraa yakkaa fi arrabsaa har’as uummata dhaabni ceesisu isaan akka ta’etti uummata afaanfajjeessaa oolan.

Uummata waltajjii dhaquu dide dalagaa garaagaraa irraa poolisii humna addaa Oromiyaa, gaachana sirnaa, milishaa fi caasaa gandaa itti bobbaasuun humnaan gara waltajjiitti geessanii itti ololaa turan.

Afaanfajjii gaggeessaa turaniin alatti oomishtota midhaaniin miidhan akka deggersa kennan akkasuma daldaltootaan ammoo maallaqa akka deggeran kallattii kan kaa’an yoo ta’u namoota waan dhaabni bilxiginnaa jedheen kana hojii irra hin oolchine sababa ilaalcha isaaniin akka hidhan akeekkachiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasanii jiru.

Exit mobile version