Godina Gujii Bahaa keessatti namoonni maqaa uummata hongeen miidhamaniin maallaqa guuraa turan dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachuun Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin basaasaa jiraachuun dhaga’ame.
ONM – ABO – Amajjii 6, 2023 Murni bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabe hawaasa gidduutti maallaqa guddaa dhangalaasuun caasaa isa ijaaratee ittin sabboontoota fi waraana Bilisummaa Oromoo akka basaasaniif Gujii bahaa keessatti Bobbaaase jira.
Akka Waraanni Bilisummaa Oromoo naannichaa jedhetti namoonni maqaa Boorana Liibaniin uummata Oromoo Booranaa hongeen miidhama jechuun faayidaa dhuunfaa keesaniitiif jettanii PP irraa qarshii nyaachuun Waraana Bilisummaa Oromootti duulchisa turtanii fi ammas duulchisuuf yaala jirtan gocha keessan fokkisaa kana irraa akka deebitan jechuun WBO akeekkachiiseera.
Itti dabaluunis WBOn gurra ittiin waca keessan dhageeffannu hin qabnu, yo dandeessan sirreeffadhaa, yoo dadhabdan ammoo wan dhufuuf itti gaafatamaan isinuma mataa keessanis jechuun akka irraa deebi’aniif waamicha Oromummaa taasiseera.
Warroonni gocha kana raawwachaa jiranis Godaanaa Xachee Hasan Jiloo, Waraaboo Xachee, Biduu Moluu, Abdii Roobaa fi waayilootni isaanii kanneen maqaan isaanii ammaaf hin tuqamin hedduun hojii itti jirtan of beektu waan ta’eef gochi badii isin itti jirtan daangaa darbee waan jiruf yeroo gabaabdu keessatti akka irra of qusattan jechuun WBOn naannicha keessa socho’u hubachiisa.
Qabsoo dhiigaa fi lafeen jaallanii baroota dheeraaf gammoojji Oromiyaa keesatti itti dhangala’ee itti cabee as ga’etti qoosuun keessan Oromiyaa garbummaa hambisee dhumaatii lubbuu qaqqaaliif sababa waan ta’uuf deebiin isaa guddaa ta’uu irra deebiin akeekkachiisa.

