Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa Gujii Lixaa keessa Socho’u, Magaalaa Bulee Horaa seenuun haleellaa raawwate

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa Gujii Lixaa keessa Socho’u, Magaalaa Bulee Horaa seenuun haleellaa raawwate.

(ONM ABO, Amajji 8, 2023)

Abdiifi gaaddisni Oromoo WBOn, magaalaa guddittii Godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa seenuun haleellaa guddaa raawwateen hidhamtoota siyaasaa 2000 ol mana hiraarsaa keessaa gadhiisisuun meeshaalee waraanaa heedduus booji’uun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.

Amajji 7, 2023 halkan sa’a 8:00 tti cabsee itti seenuun meeshaalee waraanaa gara garaa dabalatee AKM 105, rasaasa AKM 10,000 ol hidhanoolee gara garaa booji’uun moonaa diinaa onseera.

Ajajaan Humna Waraanaa impaayerittii gara Kibba Oromiyaa Gujiitti imaluun duula WBO labsii ijibbaataa labsee bakka kallattii kennaa jirutti WBO magaalaa Godinaa seenuun onsee ba’eera.

Oromiyaan Dhiiga Ilmaan Isheen ni Walaboomti.

Injifannoon Uummata Oromoof

Exit mobile version