Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa godina Gujii lixaa magaalaa Bulee Horaa cabsuun baase barumsa kennuufiin maatiitti deebise.
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Golee Oromiyaa mara keessatti gootichi abdii sabaa WBOn mooraa gabroomfataa raasee buqqisuun, injifannoo boonsaa galmeessaa kan jiru yoo ta’u, oppireeshinii magaalota, aanotaa fi godinoota Oromiyaa hedduu keessatti adeemsisaa jiruunis sabboontota ilmaan Oromoo murni PP maqaa garaagaraa itti maxxansee mana hidhaatti funaanee hiraarsaa jiru, mana hidhaa gabroomfataa cabsee seenuun bilisaa baasaa jira.
Kanumaan wal qabatees leencichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa godina Gujii lixaa magaalaa Bulee Horaa seenuun waraana gabroomfataa hedduu haxaa’ee biyyootti erga dabaleen booda, hidhamtoota siyaasaa ergamtootani Biltsiginnaa godinicha keessaa sassaabuun mana hidhaa godinichaatti funaanee gidirsaa ture 600 baasuun marii fi gorsa bal’aa erga kenneefiin booda gara maatiitti deebisuu dubbate.
Hidhamtoota waraanni bilisummaa Oromoo bilisa baase keessaa hidhamaan WBOn haasofsiise tokko yaadasaa akka kennetti ” murni faashistii Itoophiyaa waraana bilisummaa Oromoo soorta jechuun shiraan fidee mana hidhaatti erga na darbateen booda badii tokko malee ragaa shiraa narratti funaanuun hidhaa waggaa 18 natti murteessanii as keessatti na dararaa jiru” jedhe.
Itti dabalees “mana sirreessaa nuti keessaa baane keessa hidhamtoota dhiiraa 1800 fi dhalaan 200 kan turan ta’uu dubbachuun hedduun isaaniis hidhaan umrii dheeraa maqaadhuma WBO deeggartu jedhuun itti murtaa’ee miira abdii kutannaan ta’aanii du’a eeggachaa kan jiran ta’uu dubbateera.
Xumurarrattis hidhamaan bilisa ba’e kun akka jedhutti tarkaanfii WBOn humna diinaa irratti fudhatee bilisa isaan baaseen hidhamtootni hiikaman hundinuu gammachuu guddaa qabaachuu kan ibsee fi WBOn dhugumaan abdii uummata Oromoo akkasuma gaachana saba cunqurfamaa ta’uu isaa nutti agarsiiseera jechuun dubbateera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa godina Gujii lixaa magaalaa Bulee Horaa cabsuun baase barumsa kennuufiin maatiitti deebise

