Uummatni godina Qellem Wallaggaa magaalaa Muggii saamicha maallaqaa maqaa daandiin irra ga’aa ture hamaa ta’uu himan.
ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Murni bilxiginnaa saamicha guddaa ilmaan Oromoo irraan maqaa deggersa waraanaa fi misoomaan ga’aa jiru hamaa ta’uu jiraattootni dubbatu.
Akka jiraattootni godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii jedhanitti kaabinootni murna bilxiginnaa hawaasa magaalaa Muggii irraa daandii Muggii fi Dambii Doolloo hojjeechiifna jedhuun uummata irraa qarshii 200 fi isaa ol guuraa turan.
Kaabinootni murna bilxiginnaa uummata muuzii gurgurachuuf baadiyaa irraa gara magaalaa deeman osoo hin hafin sababuma magaalaa namni seeneef qarshii 200 kafalchiisaa turuun hawaasni magaalaa Muggii dubbataniiru.
Erga Waraanni Bilisummaa Oromoo Magaalaa Muggii keessaa Kamisa darbe 5, 2022 waraana murna bilxiginnaa buqqisee, hawaasni magaalattii bilisummaa guddaan itti dhagaa’amaa jiraachuu himuun bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaa jalatti dhiibbaa jabaan irra ga’aa turuu himatu.
Gareen saamichaaf of ijaare kun wagga waggaa itti maallaqa maqaa ijaarsa daandii Muggii Dambii Doolloo kanaan kan guraa turan yoo ta’u maallaqni kun suphiinsa daandii tokkollee osoo hin geggeessin maallaqni nyaatamee dhuma erga jedhaniin booda, daandiin cirracha gurraachaa Dambii Doolloo Gambeelaa Muggii mataa nafxanyootaa Abiy Ahimediin waggaa lamaan dura ni hojjetama jedhamee dhagaan bu’uura taa’ee goyomsaa malee hojii irra akka hin oolleef miira aariin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaatti waraanni bilxiginnaa manguddoo tokko ajjeesse .
ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Faashistiin Abiy Ahimed waraana isaa daandeetti loltummaa fi naamusa waraanummaa hin qabne uummatatti bobbaasuun, dachee abbaa isaa irratti ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufuun godina Gujii Lixaatti maanguddoo tokko ajjeesan.
Kaleessa Amajjii 8, 2023 murni ilmaan Oromoo ajjeesuun umrii aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan godina Gujii Lixa aanaa Bulee Horaa ganda Rogichaatti manguddoo maqaan isaa Dullaacha Adulaa Jiloo jedhamu badii tokko malee ajjeessuu jiraattotni himan.
Manguddoo kun nama umurii 65 fi abbaa daa’imaa 12 yoo ta’u, hawaasa naannoo isaa keessatti jaarsaa biyyaa ta’uun hawaasa tajaajiluu irraa kan hafee siyaasa kam keessayyuu qooda fudhate waan hin beekneef, maanguddoon kabajamaan kun badii malee ajjeffaame jechuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaaniiru.

