Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun hidhattoonni garee maafi’aa PP uummata nagaa irratti reebichaa fi gidiraa hamaa raawwachaa jiru.
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Dararamni ilmaan Oromoo irratti garee maafi’a PPn adeemsifama jiru daangaa darbuun Oromiyaa golee hunda keessatti ajjeechaa, saamichaa, buqqaati, hidhaa fi reebicha namoota nagaa irratti geeggeessuun uummanni bal’aan utubaa impaayerattii ta’e Oromoon dachee isaa irratti kabaja dhabuun sirna dhufaa darbaan jiruu gadadoo akka saaxilamu taasisanii jiru.
Murni dheebuu aangoof jecha guyyaa guyyaan ilmaan haadha hiyyeessaa akka barbaadetti dararaa jiru kun godina lixa Harargee aanaa Xuulloo gandoota akka Dildilaa, Lubbu Qaqqab, After, Dajan fi magaalaa Hirnaa keessatti namoota nagaa siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne lafa hojii isaanitti itti dhaqanii Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata geessitu jechuun reebicha hamaa irratti geggeessuun miidhaa qaama irran ga’anii jiraachuu maddeen himaniiru.
Mahammad Abubakar fi Mahammed Bakar kanneen jedhaman reebicha hamaa irratti raawwachuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman yoo ta’u bulchinsa magaalaa Hirnaa keessattis reebichi hammaachuu dubbatu.
Waraanni hedduminaan gara gandoota kanatti imalanii jiran kun hawaasuma nagaa karaa isaanii deeman qabanii qorannoo garaagaraa irratti geeggeessuun kan reeban yoo ta’u addatti namni hawaasa nagaatti waraana fiduun dararsiisaa jiru Aschaaloo Taaddasaa Warquu nama jedhamu ta’uu dubbatu.
Magaalaa Hirnaa keessatti sochii namaa fi geejjibaa sa’a 12:00n booda dhorkamuun hawaasni tajaajila dhabuun rakkachaa jiraachuu fi baajaajota socho’an ammoo konkoolaachiftoota isaanii reebaanii hidhaa akka jiran maddeen dabaluun ibsaniiru.
Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun hidhattoonni garee maafi’aa PP uummata nagaa irratti reebichaa fi gidiraa hamaa raawwachaa jiru

