Godina Lixa Shaggar Aanaa Ambootti dabballootni fi waraanni sirnichaa qabeenya uummataa saamuun namootas mana hidhaatti guuran.
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Ajjeechaa, saamichi fi hiraarri uummatni Oromoo yeroo gara yerootti daran hammaata jira.
Amajjii 11, 2023 lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Xulee bakka addaa Qocorreetti ganamaan waraanni faashistii PP uummatatti marsuun mana uummata saamee konkolaataatti fe’atee gara magaalaa Ambootti galuu maddeen himan.
Akka maddi keenya kun jedhetti qotee bulaa obbo Biqilaa Kafanaa jalaa mi’a mana keessa TV dabalatee hunda fe’achuun haadha manaa isaa aaddee Qananii Baay’isaa daa’ima ji’a hin guutne waliin, aaddee Bashuu Shabuuraa jedhamtu mana hidhaa magaala Ambootti geessan.
Obbo Biqilaa Kafanaa jalaa torbanoota darban keessa magaalaa Amboo ganda Kisooseetii mana jireenya kutaa 12 qabu kan dhagaan ijaarame Doozaraan jalaa diigu maddi keenya kun himeera.
Obbo Geetachoo Galaana jalaa mi’a mana keessa hunda yoo fe’atan haadha manaa isaa aaddee Dammee Addisuus hidhan.
Obbo Caalaa Fayyeera jalaa mi’a mana keessa gadi guuranii caccabsuun yoo guban haadha manaa isaa aaddee Caaltuu Bokonaas hidhaniiru.
Aaddee Xuuree Hayiluu fi haadha mucaa ji’a hin guutne mucaa ishee waliin aaddee Warqituu Ilaaliis waraanni gara jabeeyyiin kun hidhuun beekameera.
Kana malees maanguddoo Biyyaa obbo Damisee Immiruu fi haadha manaa isaanii aaddee Zawudituu Guddataas kan hidhan yoo ta’u namootni hidhaman kunniin yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane maqaa WBOf nyaata laattan jedhuun mana hidhaa magaala Ambootti dararaaf saaxilaman.
Namootni waraana qe’ee Oromootti bobbaasuun yakka kana dalagsiisa jiran milishoota kanneen akka Damee Qabbanaa, Shuumii Teessoo fi Nahaa Tolasaa yoo ta’an hojjettoota nageenya aanaa keessaa ajajaa dhibbaa Biraanuu ykn maqaa masoo ‘Cheentoo’ jedhamuun beekamuu fi Galaanaa Baqqalaafaa keessa akka jiran namootni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Ambootti dabballootni fi waraanni sirnichaa qabeenya uummataa saamuun namootas mana hidhaatti guuran

