Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Ambootti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa qabeenya uummataa saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 16, 2024 

Waraanni faashistii PP, akeekaa fi kaayyoo bobba’aniif hin beekne namumatu qawwee baataaf qawwee kan hidhachiifaman, sabaa fi sablammoota imphaayerattii keessa jiran keessaa addatti  uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun abbaa irrummaa isaanii Abiy Ahimed aangoo irra tursuuf kan hojjetaa jiran guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa Amboo bakkeewwan adda addaatti loltoonni bilxiginnaa kun qabeenya uummataa saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.

Aanicha ganda Doobbii jedhamu irraa Hagayya 11, 2024 waraanni goolessaan PP, loon hawaasa nagaa  saamuu  jiraattonni gandichaa himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, loltoonni bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Obbo Guutuu Dayyaasaa fi Obbo Giddiisaa Dayyaasaa jedhaman jalaa badii tokko malee horii isaanii kan ooffatan yoo ta’u, Obbo Guutuu jalaa qotiyyoota 2 yoo saaman, Obbo Giddiisaa jalaa immoo loon mooraa guutuu ooffatanii deeman  jechuun maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version