ONM-ABO Hagayya 27, 2024
Ergamtoonni PP sababoota adda addaan dinagdeen isaa kufuu gaafa baru, afaan qawwee uummatatti garagalfachuun humnaan hawaasa Oromoo hunda saamuu, reebuu, hidhuu fi mana irratti gubee dararaa hamaa geggeessuun sodaachisa guddaa uummatatti uumuun waan fedhii isaanii guuttachaa jiru.
Ergamtoonni impaayerattii aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa hunda keessatti saamicha hamaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, aanicha ganda Barakaa jedhamu irraa Hagayya 22, 2024, gatii kaffaltii gosa maqaan isaa hin beekamneen “qarshii fidaa” jechuun hidhattoonni PP milishaa fi Riphee Lolaa jedhaman namoota maqaan isaanii:
- Kadir Aliyyii,
- Kadir Mahaammad,
- Mahaaamad Sulee,
- Mahaammad Qaasimii fi
- Anuwaar Abdallaa jedhaman badii tokko malee hidhata “Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwatanii qarshii 5000 qawwee itti qabuun dirqamsiisanii irraa fuudhuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeranii jiru.
Kana duras, aanicha keessaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun ilmaan hiyyeessaa jireenyi isaanii harkaa gara afaanii ta’e waan isaan hin qabne irraa funaanaa turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

