Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu, hidhuu fi reebuu cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Sadaasa 23, 2024 

Uummata nagaa hiraarsuun gammachuu sammuu kan isaaniif laatuu fi saayinsii waraanummaa tokko kan hin beekne waraanni goolessituun impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata nagaa saamuu, hidhuu, ajjeesuu fi dararaa hamaa irraan gahuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Awwaangiroo jedhamu keessaa ji’a darbe Onkoloolessa 29, 2024 ergamtoonni sirnichaa namoota Soolaarii gurguddaa qaban hunda maqaa Waraana Bilisummaa Oromoof bilbila chaarjii guuttu jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Faqqadee Wadaajoo,
  2. Darajje Dhugaasaa
  3. Waaqumaa Caalii kanneen jedhaman jalaa Soolaarii isaanii saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees nama maqaan isaa Obbo Dhaabaa Mootii jedhamu haadha warraa isaanii waliin reebicha hamaa irraan gahuun, qabeenya isaan mana keessaa qaban guutummaan gutuutti saamuun mana isaaniis caccabsanii kan jiran yoo ta’u, nama maqaan isaa Abarraa Mitikkuu jedhamu ammoo guyyuma kana qabanii deemuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Aanichatti waraanni maqaa nageenya hawaasaa eeguu jedhuun bobbaafaman faallaa nageenyaa guyyuu nageenya hawaasaa booreessuun gochoota samichaa fi ajjeechaan boqonnaa sabicha dhorkachuun gidiraa hamtuu dhamdhamsiisaa jiru.

Exit mobile version