Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu, saamuu, qaama hir’isuu fi doorsisuu itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Lukkeeleen Bilxiginnaa bara aangoo isaanii dheereffachuuf halkanii fi guyyaa gamaa gamanatti utaalanii ifaajuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa kanneen akka uummata Oromoo reebuu, saamuu fi hiraarsuu raawwatan itti fufuun uummatni dararama hamaa keessa jirra jedhu.   

Haaluma kanaan, godina Lixa  Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa jedhamu keessatti ergamtootni Bilxiginnaa sababa tokko malee jiraattota irraa midhaan nyaataa fidaa jechuun saamaa jiraachuu jiraattonni  eeran.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, nama hundarraa dirqamaan midhaan guuraa turuu fi namichi tokko immoo midhaanuma qunnaa 10 qofa waan qabuuf isa kaffalee ofii ammoo murtii ajjeechaa of irratti fudhachuun of ajjeesuus himan.

Aanichuma ganda Ammanyee jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Kadir Saadiq jedhamu lukkeeleen Bilxiginnaa “obboleessa keetu WBO keessa jira” jechuun reebicha hamaa ta’e irraan ga’aa wayita turanitti  ija keessa dhahuun ija tokko jaamsanii qaama hir’isanii jiraachuun ibsameera.

Araddaa Haqa Mul’is jedhamu keessattis uummanni rakkoo hammaataa keessa kan jiru ta’uun, milishoonnii fi caasaan bilxiginnaa hanga abbaa zooniitti humnaan qabanii dirqamsiisuun uummata gandichaa qochisiifachaa fi dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version