Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti lukkeeleen Bilxiginnaa “deggertoota WBO’ti” jechuun uummata reebuu fi doorsisuu itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltootaa fi ergamtoota isaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii, saamicha, reebichaa fi manneen hawaasaa gubuun ilmaan qotee bulaa Oromoo manaa gadi baasee badii tokko malee dararaa hamaa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Harargee  aanaa Shanan Dhuuggootti   “deggertoota WBO’ti” jechuun uummata reebuu fi doorsisuu itti fufanii jiraachuun himame.

Ona Shanan Dhuuggoo araddaa Balaa Buqqis jedhamu keessatti lukkeeleen bilxiginnaa maqaan isaanii:

  1. Shaamuu Mahaammad Ahimadee
  2. Aliyyii Ahimad Gifaatii fi
  3. Shaafii kanneen jedhaman uummata garmalee reebuu fi doorsisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbatan.

Onuma kana araddaa Haqaan Jiraataa jedhamu keessaa immoo ergamtootni Bilxiginnaa kun Adoolessa 18 fi 19, 2024 hawaasa gandichaa waltajjii waamuun namoota sabboontota ta’an xumura waltajjiitti boodatti hambisanii “isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun namoota hedduu garmalee reebuu fi doorsisuun dararaa ulfaataa irraan ga’aniiru.

Namoota hafan immoo qarshii hanga fedhan gaafachuu fi reebaa kan jiran yoo ta’u, caasaan PP maqaan isaa Huseen jedhamu immoo addatti jiraattota gandichaa irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiru ta’uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version