• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himame

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Ergamtoonni PP sababoota adda addaan dinagdeen isaa kufuu gaafa baru, afaan qawwee uummatatti garagalfachuun  humnaan hawaasa Oromoo hunda saamuu, reebuu, hidhuu fi mana irratti gubee dararaa hamaa geggeessuun sodaachisa guddaa uummatatti uumuun waan fedhii isaanii guuttachaa jiru.

Ergamtoonni impaayerattii aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa hunda keessatti saamicha hamaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, aanicha ganda Barakaa jedhamu irraa  Hagayya 22, 2024, gatii kaffaltii gosa maqaan isaa hin beekamneen “qarshii fidaa” jechuun hidhattoonni PP milishaa fi Riphee Lolaa jedhaman namoota maqaan isaanii:

  1. Kadir Aliyyii,
  2. Kadir Mahaammad,
  3. Mahaaamad Sulee,
  4. Mahaammad Qaasimii fi
  5. Anuwaar Abdallaa jedhaman badii tokko malee hidhata “Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwatanii qarshii 5000 qawwee itti qabuun dirqamsiisanii irraa fuudhuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeranii jiru.

Kana duras, aanicha keessaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun ilmaan hiyyeessaa jireenyi isaanii harkaa gara afaanii  ta’e waan isaan hin qabne irraa funaanaa turuu   gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading