Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sabboontotaa fi Qabsaa’ota Hidhuuf gidirsuun Sirna Abiyyi Ahimediin geggeeffamu jabaatee itti fufee jira

Sabboontotaa fi Qabsaa’ota Hidhuuf gidirsuun Sirna Abiyyi Ahimediin geggeeffamu jabaatee itti fufee jira.

(SQ- Amajjii 13, 2023)

Qabsa’aa fi Miseensa Gameessa ABO kan ta’an Obbo Dhaqqabaa Waariyoo Guyyaa har’aa Amajjii 13, 2023 ganamaan Mana isaanii Magaalaa Shaashamannee Ganda Kuyyaraatti argamuu Humnoota Tikaaf Nageenya Sirni PP bobbaasuun ukkaamsamanii fudhatamuu Miseensi Maatii Sagalee Qeerroof mirkaneessani.
Obbo Dhaqqabaan yeroo garaagaraatti sirnoota dhufaa darbaan dararamaa kan turan yoo ta’u, Umurii Maanguddummaa ammaa kanaanis Sirni Maafiyaa Abiyyi maqaa garaagaraa itti baasuun Maanguddoo Kabajamoo kana gidirsuu amaleeffateera.

Itti dabaluunis Miseensi maatii Obbo Dhaqqabaan yeroo qabaman gaaffii “Maaliifan qabama?, eenyutu na barbaade?” Jedhanii gaafataniif; deebii “qaamni si gaafatu ni dhufa, amma dirqami keenya si qabuuma qofa” akka ittiin jedhame dabaluun mirkaneessani.

Sirna abdii kutataa Abiyyi Oromoo fi Oromummaa cabsuuf dhaadate Maanguddoo fi Daa’imman, ijoolleef nama guddaa osoo hin hambisne ajjeesuuf hidhuu jabeessee itti fufee jiraachuu yeroo gara yerootti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version