Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sirni Nama Nyaataa Abiyyi Ahimediin oogganamu Oromiyaa dachee dhiigaa gochuuf qareeyyii sabaa hudhaatti ciruu jabeessee itti fufeera

SQ-Hagayya 25, 2023

Sirna Shiftaa Abiyyiin kan hoogganamu Waraanni Yakkamaan Uummata nagaa jumlaan fixuun beekamu guyyaa har’aa ganama Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Ganda Warra-Baabbootti Barsiisaa Mitikkuu Eebbisaa kan jedhamu manaa fuudhamee badii homaa malee ajjeefamuu maddeen SQ gabaasan.

Ajjechaan Oromiyaa cufa keessatti bifa haaraan labsamee jabaatee itti fufuus Jiraattonni irra deddeebiin dubbataa jiru.

Godinoota Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba-Lixaa, Godinaalee Wallaggaa cufa keessatti ajjechaan bifa haaraan eegaluu maddeen SQf mirkaneessaa jiru.

Exit mobile version