SQ-Hagayya 25, 2023
Sirna Shiftaa Abiyyiin kan hoogganamu Waraanni Yakkamaan Uummata nagaa jumlaan fixuun beekamu guyyaa har’aa ganama Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Ganda Warra-Baabbootti Barsiisaa Mitikkuu Eebbisaa kan jedhamu manaa fuudhamee badii homaa malee ajjeefamuu maddeen SQ gabaasan.
Ajjechaan Oromiyaa cufa keessatti bifa haaraan labsamee jabaatee itti fufuus Jiraattonni irra deddeebiin dubbataa jiru.
Godinoota Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba-Lixaa, Godinaalee Wallaggaa cufa keessatti ajjechaan bifa haaraan eegaluu maddeen SQf mirkaneessaa jiru.


