SQ-Hagayya 24, 2023
Aanaalee Godina Shawa Lixaa hedduu keessatti yakki waraanaa qaamolee mootummaatiin hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru akkaan hammaachuu jiraattonni himan.
Aanaa Cobii ganda baadiyyaa Maksaa Lakkoo jedhamu keessatti, Hagayya 22 bara 2023 jechuunis guyyaa dheengaddaa qaamoleen mootummaan haleellaa raawwataniin mana jiraattootaa shanii oliifi baabura midhaan daaku tokko ibiddaan gubuu maddeen gabaasan.
Godinuma Shawa Lixaa aanaa Jalduu keessattis yakki wal fakkaataan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa akka jiru odeeffanneerra.
Ji’a kana keessa aanaalee godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa keessatti argaman hedduu keessatti mootummaan qabata sakatta’insa Waraana Biliisummaa Oromoo jedhuun bobbii waraanaa guddaa adeemsisaa jira.
Hawaasni Oromoo Godinaalee Shawaa Lixaa Aanaalee akka Amboo, Jalduu, Cobii, Gindabarat, Meettaa Walqixxeefi Godina Shawaa Kibba-Lixaa Aanaa Walisoo keessa jiraatan tibbana rakkoo ulfaataa keessummeessaa jirra jedhu.
Addattuu torbanoota lamaan darban qaamoleen nageenyaa mootummaa miseensota poolisii federaalaafi raayyaa ittisa biyyaa ta’anii, qabata sakatta’insa Waraana Biliisummaa Oromoo jedhuun bobbaa lolaa isaan adeemsisaa jiran hawaasa nagaa miidhaa jiraachuutu himama.
Jiraataan aanaa Jalduurraa yaada kenne tokko akka jedhutti, gandoota baadiyyaa aanicha keessatti argaman keessaa guyyaa dhukaasni hin dhaga’amin oolu hin jiru.
Qaamoleen mootummaa maqaa nagaa buusuu jedhuun bobbaafaman, qabata bakka Waraanni Biliisummaa Oromoo jiru nutti himuu diddan jedhuun, namoota nagaa ajjeesaafi miidhaa addaa addaa irraan gahaa jiru jedha.
Hawaasni hedduun sababa kanaan qe’eefi qabeenya isaa dhiisee baqachuuf dirqameera jedha maddi keenya kun.
Hagayya 22, 2023 jechuunis guyyaa dheengaddaas aanaa Cobii ganda baadiyyaa Maksaa Lakkuu jedhamu keessattis gochi suukkanneessaan qonnaan bulaa jabaa gandichaafi hawaasa naannoosaa jiraatan irratti raawwachuutu himame.
Obbo Darajjee Dabalaa jiraataa ganda Maksaa Lakkuu yoo ta’aan, qonnaan bulaa jabaa naannichaa ta’uutu himama.
Manni-murtii Obboloonni Darajjee qe’een guutuun boombii qaamolee mootummaa irra buusaniin barbadeeffamuu kan himan maddeen, manneen ollaa mana isaanii jiran dabalatee qe’een shanii ol abiddaan barbadeeffamuutu himame.
Kana malees manni baaburaa guddaan qabeenya dhuunfaa ta’e tokko fanjii qaamoleen mootummaa keessa kaa’aniin, tuullaa midhaan nyaataa hedduu waliin barbadeeffamuu maddi keenya kun himee jira.
Yerooa ammaa kana namoonni manni isaanii jalaa gubate, lakkoofsaan 28 ol kan ta’aan dirree irratti kufanii jiraachuu jiraataan gandichaa yaada kenneen ibsee jira.
Guyyaadhuma sana gandicha keessatti qaamoleen mootummaa barataa Yuunvarsiitii irraa galee qe’ee maatiisaa jiru ajjeesuullee maddi keenya garasii dubbisne kun himeera.
Bifuma walfakkaatuun Godina Shawa Lixaa aanaa Jalduu ganda Boonitii jedhamu keessattis qaamoleen mootummaa qabata oppireeshinii Waraana Biliisummaa Oromoo qulqulleessuu jedhuun bobbaafaman, qonnaan bultoota nagaa irratti yakka ajjeechaafi hidhaa jumlaa raawwachaa jiraachuu maddeen keenya himaniiru.
Magaalaa Boonitii keessatti namootni nagaa rasaasa qaamoleen mootummaa dhukaasaniin ajjeefamuun alatti, dargaggoonni hedduun manarraa butamuun fudhatamanii bakki buuteen isaanii dhabamsiifamaa jira jedhu maddeen.
Guyyaa dheengaddaa dargaggoo Tashoomaa Katamaa Tulluufi Alamuu Bojaa Girmaa jedhaman bakka hojii isaaniitii humnoota mootummaatiin kan fuudhaman yoo ta’an hanga yoonaatti bakki buuteen isaanii hin argamin jiraachuu miseensota maatiirraa odeeffanne.
Yakki waraanaa, bakka buutee dhabamsiisuufi ajjechaan akkasumas hidhaan jumlaa aanaalee Godina Shawa Lixaafi Shawa Kibba Lixaa hedduu keessatti adeemsifamaa jiru kun maatii hedduu faffaacaasaa jiraachuu himaniiru.
Sirni Oromoof naasuu hin qabneef Oromoo lafarraa daguuguu akka kaayyootti qabatee deemaa jiru kun jedhu jiraattonni Erga Lolli Ololaa Mootummaa Federaalaaf Humnoota Amaaraa gidduutti dibbeen reebamuu eegalee as Dhumaatiin Oromiyaa keessaa daran bifa hammaataa ta’een deemaa jiraachuutu mul’ata jedhu.
Mootummaan yeroo kamillee Oromoo cabsuuf kan hojjetu ta’us jabeessanii himatu jiraattonni!

