Waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti yeroo wal rukutan magaalaa Dambii Doolloo keessatti qawwee mana buna shaayee jalatti gatuun baqatan.
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Murni maafiyaan maqaa mootummaan hannaaf of ijaare bilxiginnaan waraanni isaa bakka cufatti bobba’an rasaasa walitti dhukaasuun miidhaa wal irraan ga’uu itti fufanii jiru.
Amajjii 11,2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda 01 keessatti miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii halkan mana dhugaatiitti machaa’anii wal loluun dhukaasa walitti bananiin miseensa tokko ajjeesuun tokko madeessan.
Maddi wal dhabdee isaanii addatti ifaa ba’uu baatus akka namootni mana dhugaatii keessa jiran dubbatanitti maallaqa nama irraa guuraa turaniin garmalee machaa’uu irraan quufti abidda walitti darbachuu akka dhalche himan.
Rakkoo raayyaan ittisa impaayerattii haaraa dhufan magaalaa Qaaqee keessatti uumaa jiran, bilbila harkaa nama saamanii dukkaana geessuun nurraa bitaa jechuun dirqisiisu.
Kana malees galgala sa’a tokko taanaan mana namaa irra deemuun dubartiin abbaa manaa hin qabne jirtii jedhanii gaafachuun ganda keessa deemuun nama rakkisaa jiru.
Oduma godinicha keessaan miseensi waraana bilxiginnaa maqaa poolisii humna addaa Oromiyaan of waamanii tokko kaleessa Amajjii 12,2023 bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo mana buna shaayee jalatti qawwee AKM tokko gatuun waan badeef waraanni gareen faashistii PP magaalattii goolaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti yeroo wal rukutan magaalaa Dambii Doolloo keessatti qawwee mana buna shaayee jalatti gatuun baqatan

