Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti waraanni murna Bilxiginnaa, namoota yakka malee hidhuun dararaa turan ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Muddee 16, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti Muddee 7, 2025 waraanni murna gabroomfataa PP namoota yakka tokko malee baatii saddeet (8) oliif hidhanii dararaa turan mana adabaa keessaa baasuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuu maddeen qabatamoo aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen jedhanitti waajjira poolisii aanichaa keessatti baatii hedduudhaaf yakka ragaa qabu tokko malee hidhanii namoota dararaa turan achii baasanii dhabamsiisaa jiraachuu himuun, akka ofii isaanii jedhanitti “haaromsa fudhachuu deeman”jedhanis garuu haga hammaatti eessa akka deemanii fi garam akka geessan qabatamaan wanti beekame akka hin jirre dubbatu.

Hidhamtoota murna kanaan ukkaamfamuun dhabamsiifaman keessaa muraasni maqaa arganne;

  1. Muzaayen,
  2. Guutaa Takkaa fi 

kanneen maqaan isaanii guutuu nun qaqqabiin hedduu ta’uu maddeen dubbatu.

Of-tuultotni dhara leellisuun ilmaan dhugaa qaban jalaa haqa sharafanii cunqursaa isaanii hammeessan, jireenya uummatatti hadheessanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version