Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Shaggar Aanaa Cobii fi Gujii bahaa Nagallee Booranaatti waraanni sirna PP dargaggoota lama ajjeesan

 
Godina lixa Shaggar Aanaa Cobii fi Gujii bahaa Nagallee Booranaatti waraanni sirna PP dargaggoota lama  ajjeesan.
 
 
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Waraanni sirnichaa maqaa duulaatiin Oromiyaa irratti bobba’e sababa tokko malee ilmaan Oromoo rasaasan ajjeesaa, qe’ee Oromoo abiddaan waada jira.
 
 Amajjii 12,2023 Lixa Shaggar Aanaa Cobii ganda Qorichaa Kootichaatti Dargaggoo Bokee Garramuu jedhamu ajjeesu odeessi ganda sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqabe ni mul’isa
 
Akka maddi keenya kun himetti faashistoonni sirnichaa ganama subiin uummata ganda sanaatti yaa’uun uummatni akkuma danda’ee fi karaa mijateefiin lubbuu ofii baraaruuf baqatti yoo qajeelu waraanni  faashistii dhukaasa irratti banan.
 
Dhukaasa isaan namoota harka duwwaa jiran irratti banan  kanaan dargaggoo tokko mataa irra rukutuun ajjeesan.
 
Dargaggoo Bokee Garramuu nama hawaasaa fi maatii isaa biratti ajajamuu fi jaalatamu yoo ta’u sababa oromoo ta’eef qofa rasaasaan  rukutamee ajjeefamuu kan dubbatu jiraata ganda Qorichaa Kootichaati.
 
Oduma ajjeechaan wal qabatuun kaleessa galgala  Amajjii 13,2023 godinaa Gujii bahaa magaalaa Nageellee keessatti waraanni  murna bilxiginaa  dargaaggoo Biniyaam Kabbadaa jedhaamu badii tokko malee  rasaasaa itii roobsuun ajjeesanii gatii odeessi achi nu qaqqabe ni addeessa.
 

Exit mobile version