Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti mooraa waraana bilxiginnaa irratti RPG dhukaasuun miliqee WBOtti harka kennate

ONM-ABO 4 Bitootessa 2023

Murni caasaan bulchiinsa isaa gandoolee irraa hanga naannootti dadhabuun bulchiinsa isaa gara waraanaatti deebise bilxiginnaan, yeroo ammaa waraana isaa gidduuttis jibbiinsaa fi shakkiin dhalachuun keessaa baduu fi wal irratti dhukaasuu amaleeffachaa jiru.

Akka kanaanis Roobii darbe Bitootessa 1, 2023 godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu mooraa waraana bilxiginnaa ganda Harawwee keessatti miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko meeshaa RPG jedhamu miseensotni isaanii osoo waltajjii taa’anii ala ba’ee irratti dhukaasuun jalaa miliqee gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo isaa jirutti harka kennate.

Haleellaa miseensi isaanii duraanii RPG’n irraan ga’een baaragan qondaaltotni bilxiginnaa naannichatti dhukaasa guddaa geggeessuun miidhaa isaan irra ga’eef reeffa awwaallatanii madoo hospitaala magaalaa Mandiitti geeffatan.

Bilxiginnaan diddaa uummataa fi lola Waraanni Bilisummaa Oromoo irraan ga’aa jiru ukkaamsuun barcuma isaa jabeeffachuuf yaalii dhumaa gochaa jiraatus lola WBOn irratti geggeessaa jiruun alatti rakkoon mooraa isaanii keessatti mudatee jiru iyyuu fuuldura kanas gaagama cimaa wal irraan ga’uuf akka jiran keessa beektotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version