ONM-ABO Eebila 19, 2023
Waraanni goolessaan Abiy Ahmed bakkeewwan bobba’u cufatti jireenya rakkinaa fi gadadoof ilmaan Oromoo saaxiluu malee jijjiirama qabatamaa Kan hin fidne yoo ta’u, aanota godina Qellem Wallaggaa hedduu keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee qabuun baatii dheeraaf mana hidhaa keessatti rakkisaa Jira.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa waajjira poolisii magaalaa Canqaa keessatti barataa Dagaagoo Mitikkuu jedhamu baatii tokkoo oliif barnoota irraa danquun badii malee waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun qabanii hidhuun, halkanii fi guyyaa reebuun dararaa jiru.
Oduu Wal fakkaatuun godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii waajjira poolisii Haroo Sabbuu keessatti yakka tokko malee ilmaan Oromoo hedduun Oromummaan yakkamuun hidhamanii jiran, Lalisaa Tafarraa, Abdurhaam Imaamuufi Naasir Imaamuu dabalatee namoonni 70 ol baatii 3 oliif waajjira poolisii magaalaa Haroo Sabbuutti hidhamanii jiraachuu jiraattotni ibsan.
Murni bilxiginnaa seera Idil Addunyaa fi Impaayerattii cabsuun gaaffii seeraa fi murtii tokko malee baatii dheeraa fi waggoota hedduuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti dararaa Jira kan jedhan jiraattota ona lamaaniiti.

