ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Murni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun dararaa garaa garaa irratti gaggeessuun afaan qawween sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachuu irra darbee akka waan sabboonummaa sabaa dhabamsiisuutti jumlaan ajjeesuu, hidhaa, saamaa akkasumas buqqisaa kan jiru yoo ta’u, murni badiin kun maatii qabsa’ootaas badii tokko malee yakkee gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa irratti raawwachaa jiraachuun ifatti mul’achaa jira.
Bifuma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa ganda Cirrachaatti waraanni impaayerattii Waxabajjii 17, 2025 Aadde Wayituu Bulii Gobbuu kan jedhamtu waajjira poolisii Canqaatti hidhuun ilmi kee miseensa WBO’ti isatu nu lolaa jira waamii galchi jechuun reebichaa fi dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun beekameera.
Akka maddeen keenya himanitti aanaa Sadan Canqaa gandoota garaa garaa keessatti maatii qabsa’ootaa fi sabboontota irratti kaadiroonnii fi waraanni PP waliin ta’uun daraaraa ulfaataa geggeessaa jiraachuu ONM’tti himanii jiru.

