Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa keessatti waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo sadii ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 12, 2023

Murni ajjeessuun mo’amuudha jechuun yeroo aangootti dhufe miidiyaan afarsaa ture bilxiginnaan aangootti dhufee oolee osoo hin bulin haadha ulfaa, manguddoo fi daa’ima osoo adda hin baasin akka baalaatti harcaasuu tooftaa waraanaa taasifate.

Gocha isaa farra namummaa ta’e kana guyya guyyaan hojjechuu itti fufuun kaleessa Adoolessa 11, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa ganda Cirrachaa bakka Goshii jedhamutti waraanni maafi’aa PP dargaggoota sadii maqaan isaanii  Dabalaa Mirreessaa, Kennesaa Hambisaa fi Ifaa Iddosaa kanneen jedhaman ajjeessan. 

Ilmaan Oromoo dhimma isaanii daandii irra deemaa turan waraanni faashistii PP aanaa Haroo Sabbuu irraan konkolaataa oraaliin humna dabalataa gara magaalaa Canqaatti fiigaa turte badii tokko malee ajjeessuu kan nuuf himan jiraattotni, waraanni faashistii PP kun tarkaanfii WBO’n irratti fudhatu, isaan ammoo namoota nagaa irratti fudhatu jedhan. 

Tooftaa ittiin waraanni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessee WBO’n sababa namootaaf akka isaan dhiisu baafatan ta’uu ni beekna kan jedhan hawaasni naannichaa, du’aa keenya awwaallannus, siyaasaa fi aangoo bilxiginnaa awwaaluuf ni hojjenna jechuun xiiqeffatanii kan dubbatan jiraattota aanaa Sadan Canqaa ganda Cirrachaa ti.

Exit mobile version