Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraanni PP mana cidhaatti dargaggoo Habtaamuu Dajanee ajjeessuun dhaga’aame 

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Ajjeechaan goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana biltsiginnaatiin raawwatamaa jiru yakka sanyii duguuggaa sirnoota darbaniin Oromoo irratti gaggeeffamaa ture kan dammaqsaa jiru yoo ta’u, sirni har’a aangoo impaayerattii harkaa qabus baattoo sirna kalee godaannisa seenaa nurraa qabuu ta’uu mirkaneessa.

Oduma ajjeechaan wal qabatuunis waraanni murna faashistii Itoophiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti, kaleessa Eebila 28, 2023 mana cidhaatti seenuun dargaggoo Habtaamuu Dajanee Tolchaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeessuu jiraattotni dubbatan.

Dargaggoon waraana sirna cubbuun ajjeefame kun aanaa Kuyyuutti dhalachuun aanaa Dagam ganda Annoo Dagamitti kan guddate yoo ta’u, nama jaalalaa fi kabaja hawaasaa qabu ta’uus dubbataniiru.

Murni faashistii PP sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu torbee kana godina Lixa Shaggar, baha Shaggar fi Arsii bahaa keessatti hammeessee jiraachuun ni beekama.


Exit mobile version