Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaa Dagam keessatti dabballoonni sirna bilxiginnaa daa’imman xixiqqoo faayidaan sossobanii basaasaaf bobbaasuun saaxilame

ONM-ABO Adoolessa 12, 2023

Murni bilxiginnaa, daa’imman xixiqqoo umriin isaanii hojii basaasaaf hin ga’iin basaasummaa leenjisee bobbaasus Kaaba Shaggar Aanaa Dagam keessatti to’atamanii jiraachuun beekameera.

Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Qundee keessatti kaadiroonni PP daa’imman xixiqqoo faayidaan sossobuun, gara Waraana Bilisummaa Oromootti kan ergan yoo ta’u, daa’imman dhaqan kunneen akka dubbatanitti deemtanii odeessa WBO erga nuuf fiddanii booda qarshii isiniif kennina jedhanii nu ergan jechuun dubbataniiru. 

Bakka waraanni jiru deemaatii hidhannoo fi meeshaalee lolaa isaan qaban adda baasaa deebi’aa jechuun nu ergan kan jedhan daa’imman kunneen, hojii kana dirqamaan akka itti kennanis dubbataniiru.

Daa’imman xixiqqoo ganda sana keessaa walitti baasuun leenjii gabaabaa tooftaa ittiin odeessa moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa seenuun fuudhanii deebi’an kennuufiin daa’imman 4 wal faana akka bobbaasan dubbatu. 

Murni faashistii waan qabee gadhiisu wallaale kun, daa’imman xixiqqoo waan siyaasaatuu hoomaa hin beekne, faayidaa xixiqqoon sossobuun, jiruu fi jireenya daa’imman kanaa booressaa akka jiru asumarraa hubachuun ni danda’ama.

Exit mobile version