ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Yaalii gama hundaan taasisuun milkiidhaan kan walirraa fagaatan gaggeessitoonni sirna PP bakkoota gara garaatti daa’imman xixiqqoo dirqisiisuun hojii basaasummaatti bobbaasaa akka jiran daa’imman xixiqqoon bakkoota gara garaatti qabaman ni dubbatu.
Hagayya 18, 2023 magaalaa Amboo keessatti ijoollota daandii irratti kophee qulqulleessuun jiraatan ganamaan ganda Hora Ayeetuutti kora waamuun dirqama itti kennanii akka jiran maddeen keenya magaalicha irraa gabaasaniiru.
Akka maddeen keenya ijoollota sana wabeeffachuun gabaasanitti, hojii basaasummaa hojjechuu akka qaban, yoo hin hojjenne garuu magaalicha keessatti hojii kamuu hojjechuu akka hin dandeenye itti himaniiru jedhan.
Akkaataa raawwii hojii kanaa yeroo ibsaniifitti, nama kophee qulqulleeffachuu dhufee isin bira taa’ee waa’ee WBO odeessu dhaggeeffattanii qaamota nageenyaa bifa siiviliitiin bobba’anitti battaluma sana gaabaastus jedhaniin.
Nama hojii kana irratti bu’aa buuseef qarshii guddaa kaffalla jechuun ijoollota waa’ee siyaasaa hin beekne doorsisaa fi faayidaan sossobuun waan isaan hin beeknetti galchaniiru jechuun maddeen magaalaa Amboo irraa gabaasaniiru.

