ONM-ABO Fulbaana 20, 2025,
Fulbaana 17, 2025 aanaa Martii ganda Abbaasaa Gorobaa iddoo addaa Doyee jedhamu keessatti loltootni PP maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun daa’imman qe’ee keessatti argan hunda guuruun mana hidhaatti geessanii dararaa jiraachuu jiraattonni ibsanii jiru.
Daa’imman haala kanaan loltootni Bilxiginnaa mana maatiitii guuranii hidhanii dararaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Girmaa Asheetuu
- Girmaa Kabbee
- Eeliyaas Qalbeessaa
- Galaanaa Naggasaa
- Wayyeessaa Baayyisaa
- Tolasaa
- Yaadasaa Guutaa
- Safisaa Kabbabaa
- Taaddasaa Sanbataa
- Dabuu Leelloo
- Taaddee Baayyee
- Labataa kabbabaa
- Kabbabaa Taaddasaa
- Tufaa Kafanaa
- Warquu Tuujubaa
- Urgeessaa Arafaa
- Didhaa Baqqalaa
- Dheeressaa Lammeessaa
- Dheeressaa Fufaa
- Dastaa Tolasaa
- Isaayyas Aberraa
- Dabalaa Fayyisaa
- Katamaa Anbassaa
- Baayyisaa Sobbooqaa
- Rabbirraa Toleeraa
- Amaanu’el Taarikuu
- Baayyisaa Dirribaa
- Tolasaa Waaqee
- Sabboontuu Sayiduu Abdallaa daa’ima umrii 5
- Nimoonaa Sayiduu Abdallaa
- Qabbuu Sayiduu Abdallaa fi
- Sa’aadaa Jamaal Ahmad
kanneen jedhaman, maatii manaa dhabuun guuranii mana hidhaatti geessanii achi keessatti yoo maatiin keessan dhufan isin baasna, yoo isaan dhufuu didan immoo isin ajjeesna jechuun daa’imman kanneen sodaachisaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Jiraattonni akka jedhanitti loltoonni kunneen manatti dhufanii daa’imman kanneen reebuun warri keessan eessa jiru nutti himaa yoo diddan isin ajjeesna jechuun qawweedhaan sodaachisaa turuu fi daa’imman kunneen osoo boossuu qabanii deemuu himaniiru.

