Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa kaadhimamtoota barnoota waraanaa fi Siyaasaa ji’ootaaf barsiisaa ture bifa milkiin eebbisiisuu fi maree haala yeroo irratti taasisuu beeksise 

ONM-ABO Caamsaa 6, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo Oromoo Dhiigaa fi lafeen dhuftetti goolabbii tolchuuf qabsoo Obsa fixachiisaa kallattii siyaasaa fi waraanaatiin taasisaa jira.

Jaarmiyaan ABO-WBOs zoonii giddu galeessaatti humna Oromoo jabeessuun impaayera Itoophiyaatti xumura gochuuf hidhannoo sammuu fi waraanaan miseensota isaa gahoomsuu fi leenjifamtoota haarawwaa eebbisiisuu irratti argama.

Akka kanaanis mooraan leenjii waraana bilisummaa Oromoo giddu galeessa Oromiyaa kaadhimamtoota haarawwaa simachuun leenjii waraanummaa fi siyaasaa ji’ootaaf kennaafii ture xumursiisuun Caamsaa 3, 2023 bifa milkii qabuun eebbisiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira.

Kana malees leenjii ga’umsa miseensota waraanaa torbee darbe Ebla 29 fi 30, 2023 miseensota waraanaa cufa waliin haala yeroo mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa godheera.

Marii kana irratti kan argaman Miseensi Koree Hojii raawwachiistuu ABO-WBO fi Ajajaan WBO zoonii Giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasaa ergaa dabarsaniin qabsoo gootummaa WBOn gochaa jiruun seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti sadarkaa idil addunyaatti bakka qaamni sadaffaa jirutti impaayerri Itoophiyaa mariif taa’uun kun kan jalqabaa ta’uu ibsuun kunis ta’uu kan danda’e gootummaa jaallan dirree qabsoo argamsiisaniin jedhan.

Kana irra dhaabbannee gaaffi Oromoo jaarraa oliif aarsaan itti kaffalamaa as ga’e karaa hin sharafamneen deebii kennuuf naamusa waraanummaa keenyaa, ejjannaa fi murannaa keenya daran cimsuun qabsoo Oromootti goolabbii tolchuuf kan durii caala qophii ta’uu qabna jedhan.

Xumura irrattis sadarkaa qabsoon bilisummaa Oromoo amma irra ga’ee jiru milkiin ga’uun Oromiyaa walabaa ijaaruuf kallattii cufaan jabaannee gufuu qabsoo irra aanuun murna garboomsaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabamu dhaamaniiru.

Exit mobile version