ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Waraanni Bilisummaa Oromoo qawwee dhukaasuu qofa osoo hin taane ogummaa garaagaraan of qaree qabsoo hidhannoon dabaalee bilchina ga’aa ta’een qabsoo sabichaa galma isaan gahuuf tattaaffiin inni godhu waan imphaayeerattii dallansiisee fira qabsoo boonseedha.
Rakkoon bifa kamuu isa mudatus WBO’n durumaa beekee waan manaa ba’eef haala hin mijanne keessatti obsaa fi murannoo qabuun akka sibiilaa jabaatee roobaa fi qorra gannaa osoo hin jenne waan qabsoo itichuuf barbaachisu fudhachuun hubannoo isaa gabbifachaa jira.
Akkuma kanaanis Adoolessa 22, 2024 waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galaa leenjii siyaasaa fi bulchiinsaa yeroo dheeraaf haala hoo’aa ta’een leenjisaa ture haala milkii qabuun leenjii isaa xumuree eebbisiisuu beeksise.
Leenjii taasifamaa ture kana irrattis waraanni barnoota siyaasaa bifa adda ta’een kan qulqullina ol aanaa qabu fudhatee mooraa qabsoo bilisummaa sabaa akkasumas uummata isaa ittin gargaaruu fi tiksuuf qophii ta’uu leenjifamtoonni kun himan.
Kana malees gama bulchiinsaan hoogganaa bilchaataa akka risaa fageessee waa argu, dafee rakkoo hubatee furmaata itti kennuu fi hoogganaa dhaloonni ofiin hordofu mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo oomishuun qabsoo sabichaaf gumaachuutti jirti.
Barattoonni kunneenis leenjii argatan kanarraa hubannoo siyaasaa fi bulchiinsaa ga’aa akka argatan himuun beekumsa kanaanis hojii isaan ilaallatu cufa hojjechuuf irbuu seenanii dirqama itti aanutti akka bobba’an Ajajaan Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Abdii Dhugaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

