ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Waraanni Bilisummaa Oromoo waraanummaa qofa irratti leenji’ee kan falma geggeessu osoo hin taane barnoota saayinsii siyaasaa gadi fageenyaa fi bifa bilchina ol aanaa qabuun waraanummaa isaan dabaalee bilchina siyaasaa horateen wal simsiisee waan socho’uuf holola kamuu tarkaanfachuun lolaa, leenjisaa, eebbisaa fi injifannoo argachaa har’a ga’e.
Harka tokkotti qawwee harka biraan immoo siyaasa gamnummaan guuteen Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo bilisummaa saba isaa waan geggeessuuf gama qawweenis deebii ga’aa gama siyaasanis deebii barbaachisu kennuun Bilxiginnaa biratti yaaddoo jabaa ta’ee jira.
WBO’n hidhannoo sammuu fi mudhii ga’aa ta’e hidhatee qabaachuu isaatiin shira diinni bifa kamiinuu xaxaa turee fi har’as itti jiru abbootii gadaa jechuun, abbootii amantii fi jaarrolii warra kaayyoo isaaf caraaqanii fi kanneen biroon dalagan tapha siyaasaa jiruun caalee argamuun kumaatamaan dachee Oromiyaa guutee jira.
Siyaasaa fi waraanummaan cinattis Waraanni Bilisummaa Oromoo leenjii ogummaa fayyaa garaagaraa kennuun rakkoo fayyaa mul’atuu fi mul’atuu maluufis furmaata akka ta’utti of qapheessee weerartoota waliin wal’aansoo isaa hanga bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti nuffii malee ifaajaa jira.
Akkuma kanaanis Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Madda Albuudaa waraana barnoota siyaasaa fi ogummaa fayyaa garagaraa irratti leenjisaa ture dheengadda Adoolessa 1, 2024 bifa hoo’aa ta’een marsaa jalqabaa akka eebbisiisan ajajaan waraanaa Zoonii kanaa himan.
Barattoonni diina waliin kokkee wal qabaa gama kaaniin lola gama kaaniin ammoo barachuun nuffii malee barnoota isaanii obbaasuu isaaniitti Gammachuu guddaanis itti dhaga’amuun ogummaa barataniin aantummaan qabsaa’aa fi saba isaanii akka tajaajilanis irbuu seenuun dirqamaaf bobba’uu ajajaan waraana Zoonii Madda Albuudaa Jaal Rabbirraa Bilisummaa himaniiru.

