ONM-ABO Caamsaa 8, 2023
Oromiyaa keessatti waraanni abbaa irree maqaa araaraa dawoo godhachuun baatilee tokkoo asitti qofa ol adeemtota hedduu bakka socho’an cufatti haala suukkanneessaan galaafachaa jiru.
Waraanni teessoo Abiy Ahimed eeguuf baayyinaan uummatatti bobbaafaman kun lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Qorichaa Cobii keessatti gaafa Caamsaa 5, 2023 daa’ima ganna 15 maqaan ishee Lalisee Ajjamaa jedhamtu sababa tokko malee itti dhukaasuun madeessan jedhu jiraattotni.
Daa’imni kun akka malee dhiiguunii fi yeroo ammaa hospitaala seenuun haala yaaddessaa keessa jiraachuus himan.
Itti dabaluunis aanuma sana ganda Biloo Bakakkaa keessatti gaafa Caamsaa 4, 2023 abbaa maatii kan ta’e obboo Baqqalaa Guddataa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta jedhuun reebicha hamaa erga irratti geggeessaniin booda loowwan saddeet jalaa ooffatanii deeman jedhu.
Akkasumas Caamsaa 3, 2023 ganda Maksaa Lakkuu keessatti namoota nagaa homaatu keessaa hin qabne Galaanaa Karaa fi Karaa Caalaa jalaa loowwan sadii sadii ooffachuun gara magaalaa aanichaa Cobiitti fudhatanii deeman jedhu.
Aanaa kanatti saamichii fi hidhaan caasaa murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti hammaatee jiraachuu fi uummanni lafa keenya irratti waan qabnu saamamnee jirra maaliin jiraanna, akkamitti jiraachuu dandeenya qaama itti hiyyannus dhabnee jirra jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

