Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti hidhattootni murna abbaa irree Abiy Ahimed manneen namootaa gubuun horii yoo saaman aanaa Warra Jaarsoo keessatti nama tokko ajjeesuun hedduu hidhan 

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Saamichi hidhattoota garee faashistii PPn ilmaan Oromoo irratti raawwatamu daangaa darbuun Oromiyaa keessatti humnoota kanaan qabeenyi ilmaan hiyyeessaa saamamaa fi gubachaa oola.

Qonnaan bultoota hojii qonnaa isaanii malee siyaasa keessaa hin qabne hidhattootni saamichaaf bobbaafaman kun qabeenya socho’aa yoo fudhatan kanneen akka manaa ammoo gubanii barbadeessuun hojii isaanii ta’eera.

Gochi isaanii kun guyyaa guyyaan dabalaa kan deemu yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti  gaafa Caamsaa 12, 2023 hidhattootni ganda sanatti bobbaafaman manneen namoota gubanii yoo barbadeessan horiin namootaas saamaniiru.

Gandicha keessaa obbo Dabaree Raggaasaa jalaa horii jalaa saamuun mana isaas yoo guban Fiqaaduu Tufaa, Ijaaraa Nagaash fi Darajjee Siyyum jalaa ammoo manneen isaanii guban jedhu maddeen keenya aanichaa.

Oduu biraatiin ammoo Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Lattuu Walargii keessatti dheengadda Caamsaa 13, 2023 manguddoo maqaan isaa Abbayyoo Margee jedhamu abbaa maatii 7 kan ta’e rasaasa lamaan ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Obbo Abbayyoo nama hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u, nama ollaa isaa biratti jaalatamaa fi akka jaarsa biyyatti namoota ollaa isaa tajaajiluudhas jedhu.

Waraanni hedduminaan gara ganda sanaatti sochii taasisan kunis Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu fi deggartu jedhanii namoota 100 ol irratti reebicha hamaa irratti  raawwachuun fuudhanii deemanii mooraa isaaniitti hidhuun dararaa jiraachuu ibsaniiru.

Exit mobile version